A Comparison Of Some Biological And Immunological Properties Of Leishmania Aethiopica And Leishmania Major

General Biology Project Topics

Get the Complete Project Materials Now! »

Qorannoon kun “Xiinxala haasbarruu meeshaalee ayyaana warra Giiftii Elemoo kan Aanaa Jalduu” jedhurratti gageeffamuun, jalqaba yaadota gooroo fookiloorii erga ibsameen booda, beektota amantaa kuushotaa xuqan ibseera. Sanatti aansudhaan yaadota amantii Oromoo deeggaran nieera.rnAkkasumas, maalummaa meeshaalee Ayyaana warra Giiftii Elemoo, dhimma ka‟umsa qorannichaa kaayyoofi barbaachisummaa qorannoo kana addeesseera. Qorannoon haayyoota dirree fakkoommiifi meeshaalee ayyaanaa waliin walqabatan, qoratan maalummaa fakkoommii, akaakuu fakkoommii, maalummaa haasbarruu, gosoota haasbarruu, ayyaanaafi meeshaalee ayyaanaa, gosoota isaa waliin ilaalameera. Ragaawwan qorannoo kanaa kan qindaa‟e hawaasa keessatti haasbarruu meeshaalee ayyaanaa tooftaafi mala iddatteessuu aayyeffataatti fayyadamuu ibseera. Odeefkennitoota hubannoo gahaa qaban filachuun afgaaffii haasbarruu meeshaalee ayyaana warra Giiftii Elemoo bu‟uureffatetti dhimma ba‟eera.rnQorannoon kun haasbarruu meeshaalee warra ayyaanaa, caasaa mana hojichaa, meeshaalee ayyaanaa galma ayyaanichaa keessatti argaman haasbarruu isaanii, tajaajila sirna hariiroo hawaasaa keessatti qaban sirna laguu meeshaalee ayyaanichaa xiinxalee fakkeenya waliin kaa‟eera. Dhumarratti argannoowwan akka haasbarruu meeshaalee ayyaanaa, tajaalila meeshaaleen ayyaanaa sirna hariiroo hawaasaa keessatti beekamuu akka qabu sirni laguu meeshaalee ayyaanaa kun xiyyeeffannoo akka argachuu qabu ibseera. Haaluma kanaan qorannoo kana boqonnaawwan shanitti qooduudhaan mata dureewwan gurguddaa kananneen akka ka‟umsa qorannichaa, kaayyoo qorannichaa, barbaachisummaa qorannichaa, daangaa qorannichaa hanqina qorannichaa ibsa naannoo qorannichaa mala qorannichaa, xiinxala qorannichaa, cuunfaa qorannichaa, argannoofi yaboo qorannichaa qabachiisuudhaan qopheessuu yaaleera.

Get Full Work

Report copyright infringement or plagiarism

Be the First to Share On Social



1GB data
1GB data

RELATED TOPICS

1GB data
1GB data
A Comparison Of Some Biological And Immunological Properties Of  Leishmania Aethiopica And Leishmania Major

196