Xiinxala Qabiyyee Caaslugaa Kitaaba Barataa Kutaalee 11fi 12 Walitti Fufinsaafi Dagaagina Irratti Xiyyeeffachuun

Oromo Language, Literature And Folklore Project Topics

Get the Complete Project Materials Now! »

Kaayyoo qorannoo kanaa dhihaannaa kitaaba barataa Afaan Oromoo bara 2005 kanrnkutaalee 11fi 12 ija walitti fufinsaafi dagaagina qabiyyee caaslugaatiin xiinxaluudha.rnGalma ga’insa kaayyichaatiif kitaabni barataa sakatta’amee jira. Barattoonni kutaa 12firnbarsiisonni lama iddatteeffamanii jiru. Iddattoolee kanneen irraa raga walitti qabuufrnammoo meeshaalee funaansa raga sakatta’a kitaabaa, bargaaffiifi afgaaffiitti dhammarnbahaamee jira. Ragaan argame mala qorannoo akkamtaafi ammamtaa walmakaa (malarnmakoon) qaacceffamee, ibsamee jira. Raga kana irraas wanti hubatame dhihaannaanrnqabiyyee caaslugaa kitaaba barataa Afaan Oromoo kutaa 11fi 12 ija walitti fufinsaafirndagaagina qabiyyeetiin hanqina qabaachuu isaati. Dhihaannaa gilgaalota caaslugarnkitaabilee kanneen keessa jiru walitti fufinsa boqonnaadhaa gara boqonnaatti;rnakkasumas kutaadhaa kutaatti jiruu xiyyeeffannoon kan hinkennamneef ta’uu; walittirnfufinsa keessaatti dagaaginni qabiyyee boqonnaa tokkoo gara itti aanuuttifi kutaadhaarnkutaatti jirus bakki kennamee xiqqaa ta’uun hubatamee jira. Kanarraa kan ka’e,rndhihaannaan qabiyyee caaslugaa kitaabilee kanneen keessaa kan barattootaa haalarngaariin hirmaachisuun caasluga dammaqinaan akka baratan taasisu miti. Dhihaannaanrngilgaalota caaslugaa kitaaba barataa Afaan Oromoo kutaa 11fi 12 boqonnaalee keessattirnqabiyyee dhihaatan walitti fufinsaafi dagaagina akka qabaataniif; akkasuma, kutaadhaarnkutaatti walitti fufinsaafi dagaagina qabiyyeetiin gargaaraman barsiisuuf barnootarnafaanii kitaabilee kanneenin kennamu cimsuun akka barbaachisuufi hanga kitaabnirnfooyya’utti garuu barsiisonni tooftaa uumaanii qabxiilee kana xiyyeeffannaa keessarngalchuun barsiisuu akka qaban bu’aa qorannoo kanaa irraa ka’anii eeruunrnnidanda’ama.

Get Full Work

Report copyright infringement or plagiarism

Be the First to Share On Social



1GB data
1GB data

RELATED TOPICS

1GB data
1GB data
Xiinxala Qabiyyee Caaslugaa Kitaaba Barataa Kutaalee 11fi 12 Walitti Fufinsaafi Dagaagina Irratti Xiyyeeffachuun

155