Xiinxala Gogeessa Sirna Gadaa Odaa Bultum

Oromo Language, Literature And Folklore Project Topics

Get the Complete Project Materials Now! »

Sababni qorataan qorannoo kana akka gaggeessuuf isa kakaase haala gaggeessa ayyaana sirna Gadaa Odaa Bultum kan gogeessoota giddutti gaggeeffamu irratti yeroo ayyaanni gaggreeffamu rakkooleen kanneen akka aadaan duraan ture hafuu, waan ayyaana irratti dhihatan hangi tokko hir’achuufi dabaluu, seeraan hojiirra ooluudhaafi walumaa galatti hawaasni Sirna Gadaa Odaa Bultum jalatti bulaa jiran hanqina baa’yeemaalummaa sirnichaa qabaachuuisaati. Kaayyoon guddaan qorannichaa hanqinaalee mul’atan kanneen addaan baasuun qaacceessuufi hanqina jiruuf yaada furmaataa kennuudha. Addeemsa qorannoo kanaa keessatti iddattoon mala akkayoo hojiirra oolee jira. Meeshaaleen odeeffannoon ittiin funaanamanis afgaaffii, daawwannaa yoo ta’u, odeeffannoon malleen kanaan walitti qabaman mala qorannoo qulqulleeffataa yookiin akkamtaa fayyadamuun mala qorannoo ibsaatiin qaacceffamee jira. Haaluma kanaan ragaaleen qaacceffaman akka agarsiisutti, maalummaa sirna Gadaa, sirni Gadaa haala akkamitiin akka eegale, hundeeffama sirna Gadaa Odaa bultum, haala ittiin bulmaataa, ayyaanichi akkamitti akka gaggeeffamuu, afoolota sirnicha irrati tajaajilaniifi qooda dubartoonni ayyaanicha irratti qabaniifi kkf xiinxalamee jira. Argannoon qorannoo kanaa maalummaa sina Gdaa ilaalchisee sirnichi bal’ina akka qabu, haala adeemsa jila sirna gadaa Odaa Bultum keessatti ciminnis akkuma jiru hanqinnis jiraachuu isaa, ayyaanicha irratti afoolonni adda addaa tajaajilaa turuu isaa, waa’ee sirnichaa ilaalchisee hanqinni hubannoo jiraachuu isaafi kanneen biree xiinxalameera

Get Full Work

Report copyright infringement or plagiarism

Be the First to Share On Social



1GB data
1GB data

RELATED TOPICS

1GB data
1GB data
Xiinxala Gogeessa Sirna Gadaa Odaa Bultum

281