Xiinxala Fayyadama Hiika Masoo Godina Arsii Aanaa Suudee

Oromo Language, Literature And Folklore Project Topics

Get the Complete Project Materials Now! »

Kaayyoon qorannoo kanaa, fayyadama Hiika Masoo Godina Arsii Aanaa Suudee qaaccessuuudha. Qorannoo kana gaggeessuuf wanti qorataa kakaase fayyadama hiika masoo ilaalchisee hanga ammaa wanti qoratamee waan jiru hinfakkatu. Akkasumas, qorannoowwan kanaan dura fayyadama afaanii irratti hojjataman fayyadama afaanii ibsuu malee, fayyadama hiika masoo tuqanii hinjiran. Kanaaf, qorannoon kunis qaawwa kana duucha. Kunis, haala fayyadamafi faayidaan hiika masoo hawaasa biratti maal akka fakkaatufi rakkoo fayyadama hiika masootiin walqabatan adda baasuudha. Odeefkennitoonni qorannoo kanaa adda durummaan manguddoota Oromoo Arsii aanaa Suudee jiran keessaa mala iddatteessuu kaayyeffataa ( Purposive sampling)fi eeruu fayyadamuun filatamanii jiru. Ragaa qorannoo kanaaf oole funaanuufis afgaaffiifi marii garee fayyadameera. Ragaaleen meeshaalee kanneeniin funaanaman mala akkamtaattii fayyadamuun qaacceffameera. Dabalataanis, ragaa qaacceffameerratti hundaa’uun hawaasa biratti jechoonni hiika masoo faayidaa akkaa qaban qorannoon kun niakeeka. Dhumarrattis, argannoowwan gurguddoon qorannichaa akka ibsanitti jechoonni hiika masoo irra caalaa fayyadama dubbii afaanii irratti mul’achuu, jechoonni baay’een hiika masoo fayyadamaafi loogaa of keessaa qabaachuu, fayyadama keessatti uunkaa osoo hintaane hiikaaf xiyyeeffannoon kan kennamu ta’uu, jechoonni hiika masoo guutuu waliif ta’an mul’achuu dhabuufi jechoonni hiika masoo gareewwan jechoota Afaan Oromoo kanneen akka maqaa, maqibsii, gochimaafi durduubee of keessaa qabaachusaa kaa’ameera.

Get Full Work

Report copyright infringement or plagiarism

Be the First to Share On Social



1GB data
1GB data

RELATED TOPICS

1GB data
1GB data
Xiinxala Fayyadama Hiika Masoo Godina Arsii  Aanaa Suudee

208