Xiinxala Raawwiifi Fakkoommii Sirna Kabaja Ayyaana Masqalaa Godina Shawaa Lixaa Aanaa Abuunaa Gindabarat

Oromo Language, Literature And Folklore Project Topics

Get the Complete Project Materials Now! »

Mata dureen qorannoo kanaa xiinxala raawwiifi fakkoommii sirna kabaja ayyaana masqalaarnAanaa Abuunaa Gindabarat kan jedhudha. Kanaaf kaayyoon qorannoo kanaa adeemsarnraawwiifi fakkoommii sirna kabaja ayyaana masqalaa Aanaa Abuunaa Gindabaratrnqaaccessuudha. Malli qorannoo kun itti gargaarame mala qorannoo akkamtaattidha. Mallirniddattoo qorannoo kanas mala iddeetteessuu miti-carraa jalaa mala akkayyoofi darbaarndabarsiitti dhimma bahameera. Dhimmoota mata duree kanaan wal qabatan xiinxaluufrnkitaabooleefi toora interneetii irraa qabxiileen ijoon sakatta’amaniiru. Adeemsi ragaa ittiinrnfunaanname afgaaffiifi marii gareen jaarsoolii akka Aanaa Abuunaa Gindabaratittirnbeekamaa ta’an irraa funaannameera. Akkasumas daawwannaa yeroo sirni kabaja ayyaanarnmasqalaa kun raawwatu irratti argamuun daawwachuun suuraafi yaaddannoo barreeffamaarnqabachuun ragaan funaannameera. Ragaaleen qorannichaa yaaxinoota garagaraanrndeeggaramuudhaan qaaccessamaniiru. Kunis ragaalee daawwannaa, afgaaffiifi mariirngareen argaman akkaataa walfakkeenya isaaniitiin walitti fiduunfi qindeessuun ibsuun haallirnsirna raawwiifi fakkoommii sirna kabaja ayyaana masqalaa keessatti itti dhimma bahamanrnisaan kam akka ta’an adda bahaniiru. Adeemsa kana hordofuun bu’aan/argannoonrnqorannoo kanaan argaman/bira gahamanii: raawwiin sirna ayyaana masqalaa akkumarnduudhaalee hawaasa biroo yeroofi safuu eegee kan raawwatu ta’uu, haalduree ayyaanarnkanaarratti raawwataman kanneen akka Iyyoolee sirbuu, dhaabaa dhaabuu, Ateeteernfacaaffannaafi Jabaa gubuu hunduu raawwateera. Akkasumas guyyaa ayyaaneffannaarnayyaanichaarratti immoo sirni muudaa, ibsaa gubuu, hadaa alanfatanii tuttufuu, daaraarnadda xuqqisiisuu, ingiccaa gubuufi faradoo gugsuutu raawwateera. Dhumarrattis masqallirndarbee guyyaa sadi bulee sirni shananii masqalaa raawwateera. Kunis mana Abbaarnabdaariitti kan raawwatudha. Walumaagalatti sirni kabaja ayyaana kanaafi fakkoommiirnsirnicharratti raawwatu hundi hariiroo hawaasa diinagdeefi falaasama hawaasichaarnguddisuuf, duudhaa hawaasaa kunuunsuuf gahee olaanaa waan qabuuf, osoo qaamni fedhiirndhimma kana qorachuuf qabu, wajjirri Aadaafi Turzimii, Qorattoonni aadaafi hayoonnirngaragaraa gadfageenyaan qoratanii bifa barreeffaman taa’ee gaarii ta’a

Get Full Work

Report copyright infringement or plagiarism

Be the First to Share On Social



1GB data
1GB data

RELATED TOPICS

1GB data
1GB data
Xiinxala Raawwiifi Fakkoommii Sirna Kabaja Ayyaana Masqalaa Godina Shawaa Lixaa Aanaa Abuunaa Gindabarat

202