Afseenaa Namoota Bebbeekamoo Aanaa Midaa Qanyii

Oromo Language, Literature And Folklore Project Topics

Get the Complete Project Materials Now! »

Kaayyoon qorannoo kanaa Afseenaa Namoota Bebbeekamoo Aanaa Midaa qorachuudha.rnQorannoo kana gaggeessuufis ka’umsi, afseenaawwan namoota bebbeekamoo aanicha keessattirnbeekamoo ta’an carraa qorannoo argachuun beekumsa afaaniin daddarbaa ture gararnbarreeffamaatti jijjiiruun beeksisuufi jajjabeessuun itti fufiinsa akka qabaatu taasisuudha.rnKaayyoo kana galmaan ga’uuf, malli qorannoo qorannicha gaggeessuuf hojiirra oole,rniddatteessuu miti-carraati. Tooftaa kana keessatti malli iddatteessuu kaayyawaafi eerumsaarnmala odeeffattootni ittiin filatamanidha. Ragaan mala afgaaffiifi marii gareetiin funaanamuun mrnala qulqulleeffataatii hiikamuun kan ibsamedha. Qabxiiwwan ijoo qorannicha keessattirnhammatamanis, afseenaa namoota bebbeekamoo aanichaa funaanuu, afseenaa funaanamernkeessatti dhiibbaan sirna Nafxanyaa akkamitti akka mul’ate, haalli bulchitootni durii itti aangoornwaliif dabarsaniifi tooftaa waraanaa isaan fayyadamaa turan haala kamiin akka dhiyaate,rnfaayidaa afseenaan hawaasummaa, dinagdeefi siyaasa ibsuu keessatti qabu akkaataa kamiinrnakka mul’atee kan jedhudha Haaluma kanaan, afseenni namoota beekamoo: Jijoo Boosoo,rnGiddii Ginnaa, Yanfaa Guddataa, Mutuluu Laaftoofi afseenni namoota isaan waliin waa’eenrnisaanii ka’uu kan bira ilaalamedha. Gama biraatiin, sirni Nafxanyaa yeroo isaatti, amantii,rnafaan, duudhaa, lafaafi qabeenya hawaasa Midaa irratti dhiibbaa taasisaa turuu isaati. Haalarnkana keessatti, Tulluu Waaqeffannaa bataskaana dhaabuun, lafa horaa ‘Tsabala’ jechuun,rnmaqaafi amantii jijjiirsisuun olaantummaan amantii Ortodoksii, Afaan Oromoo AfaanrnAmaaraan bakka bu’uun, maqaan ganamaa haqamee kiristinnaa ka’uuniifi laftiifi qabeenyirnsaamamuun kan bira ga’amedha. Haala aangoo dabarsuu irratti, aangoon abbaarraa gararnilmaatti sanyiifi hangafummaan kan darbaa tureefi darbee darbee Baabboofi Mida keessattirnfonqolchaan aangootti dhufuun kan mul’atedha. Haala waraana gaggeessuu keessatti immoornyoo ollaa ta’an, darbatteefi farda waraanaan kan walgitan yoo ta’e walitti dhaammachuunrncimina isaanii ilaalu. Waraana fagoorraa yookaan nafxanyaa humna cimsatee dhufu yoo ta’erngaruu walitti araaramuun dhokatanii waraanu. Kana malees, ga’ee afseenaan gamarnhawaasummaan aadaa, duudhaa, amantii, afoolaafi tokkummaa, gootummaa ibsuu, siyaasaarnkeessatti qaama olaanaafi gadaanaan jiraachuu ibsuufi dinagdee keessatti uummatni Midaarndurirraa kaasee loon horsiisuufi lafa qotuun jireenya isaa gaggeeffachaa akka ture ibsuurnkeessatti qabu daran olaanaa ta’ee mul’ateera. Faayidaa afseenaa kana itti fufsiisuuf immoo,rnWaajirri Aadaafi Turizimii qorannaa bal’aa gaggeessuuf qophii osoo ta’e, Bulchiinsi AanaafirnDhimmootni Koominikeeshinii deeggarsa maallaqaafi ogummaa taasisuun osoo maxxanfameerndubbisuuf mijataa ta’ee, manguddoonni odeeffannoo kennuu danda’an dhimma kooti jechuunrnhirmaannaa isaanii cimsuun ammallee osoo itti fufee, barattootni seenaarraa baranii, akkumarnMutuluu Laaftoo, Jijoo Boosoofi Yanfaa Guddataa seenaa hojjechuuf seenaa qorachuurraarnduubatti osoo jechuu baatanii filatamaadha.

Get Full Work

Report copyright infringement or plagiarism

Be the First to Share On Social



1GB data
1GB data

RELATED TOPICS

1GB data
1GB data
Afseenaa Namoota Bebbeekamoo Aanaa Midaa Qanyii

242