Hiika Faallaa Jechootaa Barnoota Afaan Oromoo Kutaa 11fi 12

Oromo Language, Literature And Folklore Project Topics

Get the Complete Project Materials Now! »

Kaayyoon qorannoo kanaa dhihaannaa gilgaalota hiika faallaa jechootaa kitaabarnbarataa barnoota Afaan Oromoo kutaa 11fi 12 qaaccessuudha. Galma ga’iinsa kaayyoornqorannoo kanaatiif kitaabni barataa kutaa 11fi 12 sakatta’amee jira. Barattoonni kutaarn12ffaa 360fi barsiisonni Afaan Oromoo kutaawwan kanneenii sadii iddatteeffamanii jiru.rnIddattoowwan kanneen irraa ragaa walitti qabuuf ammoo meeshaalee funaansa ragaarnbargaaffiifi afgaaffiitti dhiamma bahaamee jira. Ragaan argame mala qorannoornakkamtaafi ammamtaa walmakaa (mala makoon) qaacceffamee, ibsamee jira. Ragaanrnsakatta’insa kitaabaafi afgaaffii barsiisotaa irraa argame mala akkamtaatiin, ragaanrnbargaaffii barattootaa irraa funaaname ammoo, mala ammamtaatiin qaaccessamee jira.rnRagaa mala akkamtaa hordofuun funaaname mala qorannoo akkamtaatiin kan ibsamernyoo ta’u, ragaan mala ammamtaatiin argame ammoo jalqaba irratti barattoonni gaaffiirntokkoof deebii walfakkaataa kennan adda bahanii erga lakkaa’amanii boodarndhibbeentaan gabatee keessa kaa’amanii ibsiifi hiikni gahaan itti kennamee jira. Ragaarnkana irraas wanti hubatame dhihaannaan gilgaalota hiika faallaa jechootaa KBAOrnkutaa 11fi 12 hanqina qabaachuu isaati. Hanqinoonni adda ba’anis, gilgaalonni hiikarnfaallaa jechootaa kitaabilee kanneen keessa jiran xiyyeeffannoo kan hinargatin ta’uu,rnga’aafi hawwatoo kan hin ta’in ta’uu, unkaalee gaaffii adda addaatiin kan hindhiyaatinrnta’uu, sadarkaa barattootaatiin kan wal hinginne ta’uu,walitti fufiinsaan kanrnhindhiyaatin ta’uufi hariiroo jechoonni wal morkatoon qabaniin kan hindhiyaatin ta’uunrnhubatamee jira. Kanarraa kan ka’e, dhihaannaan gilgaalota hiika faallaa jechootaarnkitaabilee kanneen keessaa barattoota haala gaariin hirmaachisuun hiika faallaarnjechootaa dammaqinaan akka baratan kan taasisu miti. Kanaafuu, qopheessitonnirnkitaabilee kanneeniifi qaamni dhimmichi isaan ilaallatu hunduu dhihaannaan gilgaalotarnhiika faallaa jechootaa KBAO kutaa 11fi 12 ga’aafi hawwatoo ta’an haala walittirnfufiinsa qabuun dhiyeessuun, gilgaalonni dhiyaatanis sadarkaa barattoota kanaatiinrnwalgitanii akka dhiyaataniifi hariiroo jechoonni walmorkatoon qabaniin fooyyessaniirndhiyeessuuf xiyyeeffannoon hojjechuun dhimma barbaachisaa ta’a. Hanga kitaabileenrnkunneen fooyya’nitti garuu barsiisonni Afaan Oromoo kutaawwan kanneenii gilgaalotarnhiika faallaa jechootaa ga’aa ta’an unkaalee gaaffii adda addaatiin qopheessanii haalarnhawwataa ta’een bifa walitti fufiinsa qabuun dhiyeessuun, akkasumas, hariiroo hiiknirnfaallaa jechootaa qabaniin sadarkaa barattoota kanaatiin walsimsiisanii barsiisuu akkarnqaban bu’aa qorannoo kanaa irraa ka’anii eeruun nidanda’ama.

Get Full Work

Report copyright infringement or plagiarism

Be the First to Share On Social



1GB data
1GB data

RELATED TOPICS

1GB data
1GB data
Hiika Faallaa Jechootaa Barnoota Afaan Oromoo Kutaa 11fi 12

677