Xiinxala Gahee Dubbiin Qolaa Afaan Barsiisuu Keessatti Qabu Xiyyeeffannoon Kitaaba Afaan Oromoo Kutaa12ffaa

Oromo Language, Literature And Folklore Project Topics

Get the Complete Project Materials Now! »

Kaayyoon Gooroo qorannoo kana gahee dubbiin qolaa afaan barsiisuu kitaaba afaan oromoo kutaa 12ffaa keessatti qabu xiinxaluudha. Ka‟uumsi qorannoo kanaas sababoota jechamoonni, ciigoowwanii fi haasawan guyyuu hiikni isaanii ifatti hin mul‟anne kitaabicha keessatti argamaniif qorannoo kanaan beekumsa dabaluufi. Kanumarraa ka‟uun qoratichi gaaffilee bu‟uuraa gosoota, faayidaa , ciminaa fi hanqina dubbiin qolaa afaan barsiisuu keessatti qabuu ifa gochuudha. Kana milkeessuuf malleen qorannoo walkeessoo ta‟an mala Ammamtaa fi mala akkamtaa fayyadamuun xinxala bifa lakkoofsaa fi jechaan gaggeessuni. Gosoonni dubbii qolaa kitaabicha keessatti argamaniis Akkee, Iddeessa, Namee, Mitihee,Arbeessaa fi Atee yoo ta‟an , afaan barsiisuu keessatti fayyadama birooraa kan adda taasisu: Karaa hawwataa ta‟een ergaa dabarsuu, Hiika jechoonni duraan qaban irratti garmaalee olkaasuun ykn gadi buusuun dhimmoota hawaasaa,Aadaa,Seenaa fi seera afaanii qabiyyee ogafaaniitti fayyadamuun barsiiseera. Dhumarrattis shoorri afaan barsiisuu keessaatti qabu guddaa ta‟uun isaa hubatamee kunuunsuudhaan dhalootaa dhalootatti dabarsuun barbaachisaadha.

Get Full Work

Report copyright infringement or plagiarism

Be the First to Share On Social



1GB data
1GB data

RELATED TOPICS

1GB data
1GB data
Xiinxala Gahee Dubbiin Qolaa Afaan Barsiisuu Keessatti Qabu Xiyyeeffannoon Kitaaba Afaan Oromoo Kutaa12ffaa

139