Xiinxala Gaumsa Qabiyyee Gilgaalota Kitaaba Barnootaa Afaan Oromoo Kutaa 4ffaa

Oromo Language, Literature And Folklore Project Topics

Get the Complete Project Materials Now! »

Qorannoon kun mataduree “Xiinxala Ga’umsa Qabiyyee Gilgaalota Kitaaba BarnootaarnAfaan Oromoo Kutaa 4ffaa” irratti geggeeffame. Ka’umsi qorannichaas, qophiin qabiyyeerngilgaalota kitaabichaa dandeettiwwan bu’uuraafi gooree afaanii karaa ga’umsarnbarattootaa dabaluu danda’uun dhihaachuurratti xiyyeeffannaa dhabuudha.Kaayyoonrnisaas bakkeewwan hanqinoonni kun itti mul’atan addaan baasuun akkamitti dhihaachuurnakka qaban ibsuudha.Qorannoo kana gabbisuuf kitaabileen adda addaa matadureernkanaan walqabatan sakatta’amaniiru.Maddi ragaa qorannoo kanaas KB kutaa 4ffaafirnbarsiisota iddatteeffamanidha.Qorannichis,gosa qorannoo akkamtaan kan dhiyaaternta’ee, saxaxa ibsaan ibsameera.Mala iddatteessuu miticarraa keessaa iddatteessuurnakkayyoo fayyadameera.Sakatta’a taasifameefi afgaaffii barsiisotaaf dhihaate kanarnirraas wanti argame, ga’umsi qabiyyee gilgaalota kitaabichaa dandeettiwwan bu’uuraafirngooree afaanii barsiisuu keessatti fakkeenyonni inni kitaaba irratti fudhate hanqinarncaasaa akka qaban,dubbisni dhihaate garmalee kan bal’ate ta’uufi gilgaalonnirnseerlugaas qindoomina kan hinqabne ta’uudha.Kana malees,sadarkaa kanatti barattootarnafoola garaa garaan deggeranii gilgaalota qopheessuun barbaachisaa ta’ee osoo jiruurnqabiyyee qophii gilgaalota kitaabichaa keessatti kan hinhaammatamne waanta’eefrnhanqinaaleen isaa kun addaan ba’uun sakattaa’amaniiru.Qaaccessa geggeeffameefirncuunfaa qorannichaa irratti hundaa’uun argannoowwan gurguddoon qorannichaa:rnQophiin qabiyyee gilgaalota kitaabichaa akkaataa dandeettii barattootaa gabbisuurndanda’uun hindhihaanne. Gilgaalonni seerlugaa seera afaanii eeganii dhihaachuurrattirnhanqina qabu. Dubbisni kitaabichaafi qajeelcha isaarra jiru baay’ee bal’aa akka ta’eefirnyeroo kennamee waliin kan walhinsimneefi qabiyyeen silabasii barnootichaa bakki innirnitti gilgaala kitaabichaa keessatti hinhaammatamne jiraachuu isaati.Waluamaarngalatti,qophiin gilgaalota kitaabichaa irra deebi’amee ilaalamuu akka qabu bu’aanrnqorannichaa ni agarsiisa.

Get Full Work

Report copyright infringement or plagiarism

Be the First to Share On Social



1GB data
1GB data

RELATED TOPICS

1GB data
1GB data
Xiinxala Gaumsa Qabiyyee Gilgaalota Kitaaba Barnootaa Afaan Oromoo Kutaa 4ffaa

223