Xiinxala Sirna Gadaa Naffuroo Fookloorii Oromoo Keessatti

Oromo Language, Literature And Folklore Project Topics

Get the Complete Project Materials Now! ยป

Qorannoon kun haala Sirni Gadaa Naffuroo fookloorii keessatti calaqqisu dhiheessuurnirratti xiyyeeffata. Kana keessattis waantonni qaacceefaman, yoomessa hundeeffamarnGadaa Naffuroo, raawwilee barbaachiisoo sirna Gadaa kanarratti raawwatan, seerotnirnGadaa Naffuroo irratti tumaman maal akka ta`aniifi hiika mallattoo muka OdaarnNaffuroof kennamu qaaccessuudha. Ka`umsi qorannoo kanaas qorataan dhimma kanarnqoratee bira ga`uuf fedha guddaa qaburraa ka`uun aadaan Fookloorii gabbataa kunrnakka hindagatamneef dhaloota har`aa beeksisuun dhaloota booruuf ol kaa`uufidha.rnKaayyoo kana galmaan ga`uufis mala qorannoo qulqullinaa (qualitative) dhimma baheernjira. Madda raga qorannoo kanaa ilaalchisee, mala iddatteessuu akkayyoottirngargaaramuun odeefkennitoota waa`ee Sirna Gadaa Naffuroo beekan maanguddootaafirnnamoota naannoo qorannichi irratti gaggeeffame keessaa kaayyoo qorannichaa galmaanrngahuu danda`an odeeffannoo kennameen darbaa dabarsaan kanneen filatamanirraarnodeeffannoo funaannachuun mala qorannoo ibsaatti dhimma bahuun qaacceffameera.rnMala funaansa odeeffannoo ilaalchisee, af-gaaffii, daawwannaafi dookimantiiwwanrnsakatta`uun odeeffannoon funaanaman jechaan qaacceffamanii jiru. Bu`aan qorannoornkanaa akka agarsiisutti Gadaan Naffuroo ilmaan Jaawwii Horroo ka`anii Giddatti galarnjiruun Ganda Naffurootti hundeeffamuusaa, kunis seeneffama afaanii akka qabu, SirnirnGadaa Naffuroo galateeffannaa, daddarbaafi dhibaafannaa uummata Oromoo Amuruurnta`ee sababa itti gaafatamummaa bahuu dhabuu abbaa Gadaafi dhiibbaa mootummaarnyeroo sanaan addaan cite turuusaa, aangoon abbaa Gadaa Naffuroo bara hundeeffameernkaasee daddarbaan dhufee hanga har`aatti harka angaftuu ilmaan Amuruu Hooleernjiraachuusaa, waldhabdeen hawaasa gidduu jiru jaarsummaan kan furamu ta`uufirnwaldhabdee xiyyeeffannaa guddaan itti kennamu gumaa akka ta`eefi uumamni mukarnOdaa Naffuroo hidda dhaloota ilmaan Amuruun kan fakkeeffamuufi muka afaanrnhinqabne garuu kan dubbatu jedhamuun safeeffatama. Bu`uuruma kanaan dhimmootarnargannoo armaan olii keessatti ka`aniin Sirni Gadaa Naffuroo sadarkaa hawaasarnnaannichaatti malee akka waliigalaatti waanti beeksifame waanti hinjirreef osoorngadifageenyaafi bal`inaan qoratameefi bifa kitaabaan barreeffamee dhaloota har`aarnbeeksisuufi dhaloota booriif ol kaa`uuf qaamni dhimmi ilaallatu hundi xiyyeeffannoo ittirnkennuun osoo irratti hojjetamee yaboo qorannoo kanaati.

Get Full Work

Report copyright infringement or plagiarism

Be the First to Share On Social



1GB data
1GB data

RELATED TOPICS

1GB data
1GB data
Xiinxala Sirna Gadaa Naffuroo Fookloorii Oromoo Keessatti

280