Xiinxala Fookloorii Oromoo Itti Fayydama Fardaa Keessatti Godina Shawaa Kibba Dhihaa Aanaa Daawootti

Oromo Language, Literature And Folklore Project Topics

Get the Complete Project Materials Now! »

Qorannoon kuni mataduree ‘Xiinxala Fookiloorii Itti Fayyadama Fardaa Keessatti:rnAanaa Daawoorratti xiyyeeffate’ jedhu irratti qoratame. Kaayyoon qorannoo kanaasrnakkaataa Dorson (1972) fookiloorii qoqqoodeen, Fookilooriin Oromoo isaan kamturnfardaa keessatti argamaa? Faayidaan isaan qaban maali? Sirnoota akkamiitu fardaarnwalqabatee qophaa’aa? Hawaasni Oromoo Fardaa haala kamiin maqaarnmoggaasaa?Jijjiirama akkamitu Fookloorii Fardaa keessatti mul’ataa jira? isa jedhuufrndeebii auf qoratame. Barbachisummaan firii qorannoo kanaa, namoota gara duraattirnqorannoo gaggeessaniif, kitaaba barreessaniif, galmee jechaa qopheessaniifi ciicatarnta’uu danda’a. Malli iddatteessuu qorataan gargaarame mala iddatteessu akkayyoorn/purposive sumpling/ ta’ee namoota kallattiin fardaa taphatanfi fookiloorii Oromoornwaliin hariiroo qaban irratti xiyyeeffachuun ragaan funaaname. Qorannoo kuni gosarnqorannoo ibsaa ta’ee mala akkamtaa /qualitative description/ fayyadame. Meeshaanrnfunaansa ragaa afgaaffii, daawwannaafi marii garee xiyyeeffannoo yoo ta’u maddarnragaa duraa irraa odeeffannoon funaanamee ragaan argame eega xiinxalamee boodarnqaacceffamee hiikni itti kennamee jira. Akka firii qorannoo kanaatti akaakuun fookilooriirnOromoo itii fayadama fardaa keessatti ga’ee qaban, Afoola /Oral Literature/, Meeshaarnaadaa /Material culter/, Duudhaa /Custom/, Aartii sochii/FolkArt/dha. Fkn eebba, sirba,rnmi’a fardaa, kal’ee gosa gosaan , daabee, gaachana, alangaa, ulee, farda bifaan,rndirree/araddaa/. Isaan kuni immoo aadaa barsiisuuf, walitti dhufeenya cimsuuf, jabinarnqaamaatiif /fayyummaaf/, bareedinaaf,Ogummaa yknkalaqa sammuu jajjabeessuufi kkfrnfayyadu. Yoomessi isaan tajaajilan, yeroo qophii sirnaa, yeroo sirna kessattifi sirnaanrnbooda ta’ee achirratti kan qooda fudhatan diiraafi dubartii dabalatee daa’imman,rndargaggoota, ga’eessotafi maanguddootadha. Karaa biraatiin hawaasni Oromoornsababoota garaagaraatiin fardaaf maqaa nimoggaasa. Bifa, amala, haala yeroofi kkfrnirratti hunda’ee akka maqaa moggaasuu bira game’ra. Akaakuwwan fookiloorii OromoornGombisa fardaa keessatti argaman kuni, sababa siyaasaa, barumsa jabanaa /qaroominaa/,rndinagdeefi amantii irraa kan ka’e jijjiiramni isaani ni mullata. Sababa hanqina lafa qonnaarraanrnkanka’e dirreen hundi qotamaa waan jiraniif yeroo dheeraaf akka kanaan yoo itti fufe iddoo ittirntaphatan dhabuu irraa kan ka’e dhaabbachu akka danda’u nama hin mamsiisu. Kana irraa kanrnka’e qorataan qabxii gara gara irratti qaamni ilaallatu akka hojjatuuf yaboo kaa’ee jira. Isaanrnkeessaa rakkoo olaanaa kan ta’e saamamuu dirree ilaalchise. Qaamni dhimmi ilaallatu akkarneegumsa barbaachisaa taasisuuf. Haala kabaja sirnoota kan akka sirna fuudhaafi heerumaa,rnsirna gumaa, sirnoota kkf irratti jijjiiramni yoomessaa, gatiin gabbaraa waan jiruu mariinrnhawaasaa irratti taasifamee fooyya’uu akka qabu waajjirri Aadaafi Turizimii Aanaa Daawoornakka irratti hojjachuu qabu qorataan kun yaboo isaa keessatti ibse.

Get Full Work

Report copyright infringement or plagiarism

Be the First to Share On Social



1GB data
1GB data

RELATED TOPICS

1GB data
1GB data
Xiinxala Fookloorii Oromoo Itti Fayydama Fardaa Keessatti Godina Shawaa Kibba Dhihaa Aanaa Daawootti

299