Xiinxala Afseenessa Oromoota Finfinnee Keessatti Bakka Jireenyaa Isaanii Irraa Buqqaanii

Oromo Language, Literature And Folklore Project Topics

Get the Complete Project Materials Now! »

Kaayynoon qorannoo kanaa inni guddan Afseenessa Oromoota Finfinnee keessatti Bakka rnJireenyaa Isaanii Irraa Buqa’anii Xiinxaluudha. Kunis jiruufi jireenyi buqqaatota kanaa otoornqe’ee isaanii irraa hin buqqa’iin duraafi boodaa afseenessa isaan seenessan irraa fudhachuunrnqaaccessuufi fakkoomiiwwan dubbii isaanii keessatti jechoota, gaalewwaniifi himootaanrnakkasumasa sochii qaamaan mul’atan dabalatee faayidaa afseenessi gama haala jiruufi jireenyarnisaanii kana ibsachuu keessatti qabu kan xiixxalamedha. Maddi odeeffannoo qorannoo kanaasrnisaanuma warra qe’ee isaanii irraa buqa’an yoo ta’an, mala iiddatteessuu miti caraa keessaarnkaayyeffastaafi eeruutti dhimma bahuun, mala funaansa ragaa: afgaaffii, marii gareefirndaawwannaadhaan bakka odeef kennitoonni jiranitti qaamaan argamuun odeeffannoonrnguurame.Malli qorannoo kanaa akkamtaa yoo ta’u saxaxa ibsaan kan gaggeeffamedha.Xiinxalarnafseenessaa gaggeeffame keessattis odeeffannoon xiinxalamuun ibsamee jira. Kanumaanrnwalqabatee,Oromoota bakka jireenyaa isaanii finfinnee irraa buqqisanii magaala babal’isuun rnwaggoota dhibbaan dura sirna mootii Minilikiin kan jalqabamee itti fufinsaan sirnoota darbanrnkeessatti kan raawwataamaa ture hanga harraatti ittuma fufuun Oromoon lafa isaa dhabeernqe’ee isaa irraa buqqa’aa jiraachuu,Jiruufi jireenyi oromoota qe’ee isaanii irraa buqqa’anii,rnyeroo qe’ee isaaniirra jiran jireenya gaarii akka qabaniifi erga lafti isaanii harkaa fudhatameernrakkoorra jiraachuu isaanii,Buqqaatonni Oromoo Finfinnee kun lafa isaanii irraa yeroo sirnarnDargii irraa jalqabee hanga har’aatti bakka jireenyaa isaaniirraa buqqifamaa yeroornqubsiifaman namni tokko yeroo lammafi sadii laftii isaanii harkaa fudhatamuun rakkoo cimaa firnbakka amma jiran kan irraa buqqa’uu dhabuu isaaniifis wabiin tokko illee waan hin jirreef sodarnirra jiraachuu isaanii akkasumas akkuma Oromoonni kun magaala kana keessaa buqqa’aniirnfagaachaa deemaniin afseenessi walitti dhaminsa lafa Finfinneefi Orommoo ganamaa maddarnragaa tokkoffaa warren akka hambaa seenaatti afseenessa dhugaa irraa argannu kana faanarnbaduun dhabamuu akka danda’u cuunfaa keessatti barreeffameera. Itti dabalees akka yaboottirnyaadonni kaahaman:rnGama mootummaa biyyattiin, bulchiinsa mootummaa naannoo Oromiyaafi kantiibaarnmagaalittiin, daangaan magaalaan finfinnee Oromiyaa waliin qabdu daangaa lafa magaalittiirnbal’isaa Oromoota buqqisee lafa Oromiyaa naannoo magaalittii dhiphisaa hin deemneenrnkaartaa sirrii ta’e sararachuu dabalatee Oromoota qe’eefi qabeenya isaanii irraa buqqa’anrnhaala itti fufiinsa qabuun kaffaltii beenyaa lafa isaanii madaalu isaaniif kaffaluun qe’ee isaaniirnganamaatti deebisanii yoo dhaaban Oromoonniifi afseenessi Oromoota Finfinnee keessaa bakkarnjireenya isaanii irraa buqqa’anii hambaa qabaatee dhalootaaf darbuu danda’a.

Get Full Work

Report copyright infringement or plagiarism

Be the First to Share On Social



1GB data
1GB data

RELATED TOPICS

1GB data
1GB data
Xiinxala Afseenessa Oromoota Finfinnee Keessatti Bakka Jireenyaa Isaanii Irraa  Buqqaanii

218