Qaaccessa Ogummaadubbisuu Barattoota Afaan Oromoo Haala Mana Barumsaa Qophaaina Komboshaa Kutaa 12ffaa

Oromo Language, Literature And Folklore Project Topics

Get the Complete Project Materials Now! »

Kaayyoon gooroo qorqnnoo kanaa,dandeettii Afaan Oromoo dubbisuu barattoota Afaan Oromoo baratan kan Qophaa’ina Komboshaa kutaa 12ffaa qaaccessuun hubachuudha.Ogummaa dubbisuu kana qaaccessuuf,odeeffannoo barbaachisu funaannachuudhaaf,mala hammamtaafi akkamtaatti dhimma bahamee jira.Mala iddatteessuu carraatiin,barattoonni kutaa 12ffaa 122,mala kaayyeffataatiin barsiisonni lama filamanii jiru.Odeeffannoon meeshaalee funaansa ragaa,bargaaffii,daawwannaa,afgaaffiifi battallee yookaan qormaataan odeefkennitoota irraa walitti qabame,akkaataa walitti dhiyeenya yaada isaaniitiin qindaa’anii bifa lakkoofsaafi ibsaatiin qaacceffamaniiru.Argannoowwan guguddoon qorannoo kanaan bira gahamanis: barattoonni yeroo kenname keessatti barreeffama tokko dubbisanii hubachuurratti dandeettii gadi bu’aa qabaachuu,barsiisonni barreeffama dubbisamee hubatamu yemmuu kennan yeroo kan hindaangessine ta’uu,barsiisonni callisaan dubbisuutti fayyadamuu dhiisuun barattoota sagalee olkaasisuun dubbisiisuu,barattoonni barreeffama kenname keessaa hiika dhokataa baasuurratti,galumsarraa hiika jechoota haaraa hubachuurratti dandeettii gadibu’aa qabaachuu,barsiisonni barreeffama kenname keessaa barattoonni hiika dhokataa akka baasan,galumsarraa hiika jechoota haaraa akka hubatan taasisuurratti hanqina shaakalsiisuu qabaachuu,barattoonni sagalee olkaasanii yemmuu dubbisan hanqina dogoggoraan dubbisuu qabaachuu,barsiisaan dogoggora dubbisuu barattoonni akka adda baasatan,fooyyessatan deeggaruufi jajjabeessuu irratti hanqinni- mul’ateera.Dhumarrattis, yaboowwan guguddoo ta’an:barattoonni barreeffama yeroon daanga’e hubachuu shaakaluu, callisaan dubbisuutti fayyadamuu, barreeffama keessaa hiika dhokataa shaakaluu, hiika jechoota haaraa galumsarraa baasuu shaakaluu, sagalee olkaasuun yemmuu dubbisan yeroon walqabsiisuun shaakaluun gaarii ta’a. Barsiisaanis,barattoonnidogoggora isaanii adda baasuun akka sirreeffataniifi yeroon walqabsiisuun shaakalsiisuu, dubbisa dabalataa kennuun gaarii ta’uu yaanni furmaataa kennameera.

Get Full Work

Report copyright infringement or plagiarism

Be the First to Share On Social



1GB data
1GB data

RELATED TOPICS

1GB data
1GB data
Qaaccessa Ogummaadubbisuu Barattoota Afaan Oromoo Haala Mana Barumsaa Qophaaina Komboshaa Kutaa 12ffaa

232