Sakattaa Walitti Fufinsaafi Dagaagina Qabiyyee Ogbarruu (boqonnaa Gara Boqonnaafi Olee) Kitaaba Barattootaa Afaan Oromoo Kutaa 11fi 12

Oromo Language, Literature And Folklore Project Topics

Get the Complete Project Materials Now! »

Qorannoon kun mata duree “Sakatta’a walitti fufinsaafi dagaagina qabiyyee ogbarruurn(boqonnaa gara boqonnaafi olee) kitaaba barattoota Afaan Oromoo kutaa 11fi 12” jedhurnirratti kan gaggeeffamedha. Sababni mata-duree kanarratti qorannoo gaggeessuuf ka’umsarnta’e, qorataan kun yeroo dheeraaf Afaa Oromoo barsiisaa kan ture yommuu ta’u, turtii isaarnkana keessatti waa’ee dhiyaannaa ogbarruu kutaa 11fi 12 irratti komiin barsiisaafirnbarattoota biraa darbee darbee ka’uunsaafi kallattii mata duree Kanaan qorannoon bal’aarnkutaawwan kana lamaan irratti gaggeeffamuu dhabuun qoratichaaf rakkoo xiyyeeffannoornargachuu qabu ta’ee waan itti mul’ateef qorannoo irratti gaggeessuuf kaka’umsa itti horeernjira. Kaayyoon gooroo qorannoo kanaas, kitaabilee barattootaa kutaa 11fi 12 keessattirnqabiyyeen ogbarruu walitti fufinsaafi dagaagina boqonnaa gara boqonnaafi olee qabaachuurnisaa adda baasuudha. Qorataan kitaabni barattoota Afaan Oromoo ku. 11fi 12 walittirnfufinsaafi dagaagina qabiyyee qabaachuufi qabaachuu dhabuu isaanii adda baasuun yaadarnfurmaataa kaa’uuf immoo gosa qorannoo keessaa qorannoo ibsaatti dhimmi bahee jira.rnMadda odeeffannoo kitaaba barattootaa Afaan Oromoo ku. 11fi 12fi barsiisota kutaa kanarnlamaan barsiisan mala iddatteessuu mit-carraa keessaa akkaayyoon filateera. Iddattoowwanrnkana irraas odeeffannoo funannachuuf meeshaalee funaansa ragaalee sakatta’a dokumantiifirnaf-gaaffiitti dhimmi bahee jira. Odeeffannoon sakatta’a dokumantiifi af-gaaffiin funaanamanrnmala akkamtaafi hammamtaan ykn makoo ibsaan qaacceffamaniiru. Akka ragaalleenrnqaacceffaman mul’isanitti walitti fufinsiifi dagaaginni qabiyyee ogbarruu ku. 11fi 12rnciminaafi hanqina qabaachuu mul’iseera. Haata’u malee, qorannoon irra caalatti hanqinarnirratti xiyyeeffachuun kan gaggeeffamedha. Kunis kan ta’eef, hanqinoota mul’atanrnfooyyessuun akka danda’amuuf yaada furmaataa eeruufi. Argannoo qorannoon kunrnagarsiise haalli dhiyaannaa qabiyyee ogbarruu kitaaba barattoota Afaan Oromoo ku. 11fi 12rnhanqina qabaachuu isaa agarsiisee jira. Akkasumas, qabiyyeen ogbarruu kutaadhaa gararnkutaattii akka kan boqonnaa gara boqonnaa hanqina bal’aa ta’uu baatus, hanqinnirnjiraachuu isaa qaaccessii boqonnaa afur jalatti gaggeeffame mul’isee jira. Walumaagalatti,rnargannoo qorannoo kana irraa ka’uun haalli qophii kitaabilee barattoota Afaan Oromoo ku.rn11fi 12 walitti fufinsaafi dagaagina qabiyyee boqonnaa gara boqonnaafi olee irratti osoornxiyyeeffannoon kennamee gaariidha.

Get Full Work

Report copyright infringement or plagiarism

Be the First to Share On Social



1GB data
1GB data

RELATED TOPICS

1GB data
1GB data
Sakattaa Walitti Fufinsaafi Dagaagina Qabiyyee Ogbarruu (boqonnaa Gara Boqonnaafi Olee) Kitaaba Barattootaa Afaan Oromoo Kutaa 11fi 12

279