Xinxaala Ibsa Leelloofi Faaruu Boochisaa Godina Shawaa Kaabaa Aanaa Yaayyaa Gullalleerratti Xiyyeeffate

Oromo Language, Literature And Folklore Project Topics

Get the Complete Project Materials Now! »

Kaayyoon qorannoo kanaa qabiyyeefi ergaa faaruu boochisaa boochiftuun dhiyaatu xinxaaluudha.rnMata-duree kanarratti qorannoon akka gaggeeffamu ka’umsa kan ta’e: Faaruun boochisaa boochiftuunrndhiyaatu carraa qorannoon bahee mul’achuu dhabuu, ragaan faaruu kana ibsu sadarkaa afaanii qofaanrnjiraachuufi dhiyaatinni faaruu kanaa hawaasa biratti laafaa deemuudha. Kaayyoo kana galmaan gahuufrnbarruulees ta’ee qorannoowwan hanga tokko mata-duree qorannoo kanaa waliin hidhata qabanrnsakatta’amaniiru.Yaaxxinaalee qorannoon kun bu’uureffates yaaxxina tajaajilaafi yaaxxina haalaa yoornta’u,qorannoo kana keessatti madda odeeffannoo tokkoffaatti kan dhimma bahameedha. Dabalataanis,rnqorataan kitaabilee adda addaa akka wabiitti itti fayyadamameera. Maddi odeeffannoo tokkoffaasrnmala iddatteessuu kaayyawaa fi darbaa dabarsaan kan filatameedha. Odeeffannoo madda tokkoffaarraarnfunaanuuf daawwannaafi afgaaffiin hojiirra oolanii jiru. Odeeffannoowwan malleen kanaanrnfunaannaman mala qorannoo ibsaan qaacceffamaniiru. Adeemsa kana hordofuun argannoowwan birarngahaman: Sirna boochisa nama du’ee irratti boochiftuu carraa faaruun boochisuu si’a sadi akkarnargattu; Sirna boochisa daa’imman umurii bakkatti hammaattee kaasee hanga ijoollota umuriirnwaggaa 15 gadiitiif faaruun boochiftuu kan hindhiyaannef ta’uu; dhimmoonni faaruu boochiftuunrnka’an irra caalaatti kan nama du’eefi maatii isaatiin ka n walqabatan ta’uu; ergaan faaruurnboochiftuutiin sirna boochisaa irratti namootaaf darbu namoonni yommuu lubbun jiran waan gaariifirnqajeelaa akka hojjetan onnachiisuu, gorsuu, qeequufi barsiisuu ; boochiftuun sirna boochisarrattirnfaaruun boochisuu yoo eegalu, seenaa himuufiin yoo ta’u, yoo xumuuru immoo, faaruun eebbisuunrnkan xumuuru ta’uu fa’a.Yaboo qorannoo kanaa keessattis faaruu boochiftuutiif xiyyeeffannoonrnkennamuufii akka qabu yaanni kallattii itti aanu kun kaa’ameera. Dhimmoonni faaruu boochiftuunrnsirna boochisaarratti darban kun sadarkaa afaanii qofaan kan darbaa jiran waan ta’eef, osoo gararnbarreeffamaatti jijjiirramee gaarii ta’a. Akkasumas, faaruun boochisaa kun dhaloota dhufuuf maddarnseenaa waan ta’eef, viidiyoon waraabamee osoo olkaa’amee gaaridha. Kana malees, faaruu boochisaarnkeessatti hirmaannaan dubartootaa laafaa waan ta’eef, hawaasafi qaamni dhimmi ilaallatu dhimmarnkanarratti waliin hojjechuun, faaruu boochisaa keessatti hirmaannan isaanii akka dabalu osoornjajjabeessee. Dhumarrattis, qaamni aadaa hawaasaa kanaaf quuqqamu qorannoo bal’aa adeemsiisuunrnragaa barreeffamaa gahaa dhalootaaf osoo kaa’ee.

Get Full Work

Report copyright infringement or plagiarism

Be the First to Share On Social



1GB data
1GB data

RELATED TOPICS

1GB data
1GB data
Xinxaala Ibsa Leelloofi Faaruu Boochisaa Godina Shawaa Kaabaa  Aanaa Yaayyaa Gullalleerratti Xiyyeeffate

227