Xiinxala Doggora Afaan Oromootiin Qubeessuu Xalayaalee Waajjira Barnootaafi Blto Aanaa Guutoo Giddaa Kan Bara 2010fi 2011

Oromo Language, Literature And Folklore Project Topics

Get the Complete Project Materials Now! »

Qorannoon kun Naannoo Oromiyaa Godina Wallagga Bahaa Aanaa Guutoo Giddaattirndogoggora Afaan Oromootiin Qubeessuu Xalayaalee Waajjira Barnootaafi BLTOrnMootummaa kan bara 2010fi 2011 keessatti mul’atan xiinxaluu irratti kan xiyyeeffatedha.rnKaayyoon isaa dogoggora qubeessuu xalayaalee Waajjiraalee Mootummaa Aanaa GuutoornGiddaa keessatti mul’atan xiinxaluun yaada furmaataa eeruu irratti kan xiyyeeffatedha.rnKaayyoo qorannoo kanaa galmaan ga’uuf malli qorannoo akkamtaa kan hojiirra oolernyommuu ta’u, iddattoowwan qorannichaa filachuufis tooftaawwan adda addaa hojiirrarnoolanii jiru. Isaanis, waajjiroolee filachuun tooftaa iddatteessuu mit-carraa akkayyoo,rnhojjettoota afgaaffiif filachuunis tooftaa akkayyootu hojiirra oolee jira. Haaluma kanaan, ittirngaafatamtoota, itti aantotaafi barreessitoota xalayaalee waajjira Barnootaafi WBLTOrnAanaa Guutoo Giddaa namoota 6 mala iddatteessuu akkayyootiin filatamanii od-himtootarnqorannoo kanaa ta’nii jiru. Meeshaaleen odeeffannoo funaanuuf qorannoo kana keessattirntajaajilarra oolan sakatta’a xalayaaleefi afgaaffiidha. Ragaaleen meeshaalee kanneeniinrnfunaanaman mala akkamtaan qaacceffamanii jiru. Akaakuuwwan dogoggoraa sakatta’arnxalayaalee keessaa argamaniifi deebiiwwan od-himtootarraa argaman kanneen akkarndogoggoraan dheeressuu, gabaabsuu, laaffisuu, jabeessuu, hudhaa, irrabutaafi dhamsagarndubbachiisaa gosa tokkoo sadii barreessuun sakatta’a xalayaalee irratti godhameen addarnbahee jira. Miidhaa dogoggoraan qubeessuun geessisu ilaalchisee jijjiirama hiikaa fiduu,rndhaamsa dabarsuun barbaadameen ala bahuufi seera afaanichaa kan cabsu tahuun addarnbahee jira. Sababni dogoggoraan qubeessuu immoo, ariitiin qubeessuu, seera qubeeffamarnAfaan Oromoo wallaaluu, xiyyeeffannoo kennuu dhiisuu, akka waan beekaniitti tuffataniirnilaaluu, dhiibbaa afaan Ingilizii, barnoota sadarkaa tokkoffaatti sirriitti barachuu dhabuurnakka ta’e bira gahamee jira.Tooftaaleen dogoggora kana maqsuuf oolan xiyyeeffannoonrnqubeessuu, ariitii malee qubeessuu, irra deddeebi’anii gulaaluu, nama seera qubeessuurnbeeku gulaalchisuu, kitaabilee waa’ee qubeessuu barsiisan dubbisuun, leenjii dhimmarnqubeessuurratti kennamuufi qaamni dogoggora uume sirreessuuf deeggersa kennuunrnjiraachuu akka ta’e kallattiin furmaataa agarsiifamee jira.

Get Full Work

Report copyright infringement or plagiarism

Be the First to Share On Social



1GB data
1GB data

RELATED TOPICS

1GB data
1GB data
Xiinxala Doggora Afaan Oromootiin Qubeessuu Xalayaalee Waajjira Barnootaafi Blto Aanaa Guutoo Giddaa Kan Bara 2010fi 2011

468