Qaaccessa Qabiyyee Fardaan Himii Sirna Awwaalchaa Oromoo Shawaa Lixaa Haala Qabatamaa Aanaa Meettaa Roobii

Oromo Language, Literature And Folklore Project Topics

Get the Complete Project Materials Now! »

Qorannoon kun Qabiyyee Fardaan Himii Sirna Awaalchaa irratti xiyyeeffatee hojjetame. Kaayyoo guddaan qorannichaas qabiyyee fardaan himii sirna awwaalchaa Oromoo Shawaa Lixaa: Haala qabatamaa Aanaa Meettaa Roobii qaaccessuudha. Raawwii qorannoo kanaa keessatti irraawwatamni qorannichaa uummata Aanaa Meettaa Roobii ta’ee, kan irratti xiyyeeffatame hawaasa iddoo sirni awwaalchaa raawwate ykn waltajjii jahaa qofaarratti. Malleen funaansa ragaa qorannoo kanaa qorataan itti gargaarame daawwannaa, waraabbii, af-gaaffii, maree gareefi sakatta’a galmeeti. Maddi ragaa tokkoffaan qorannoo kanaa, bakka fardaan himiin sirna awwaalchaa raawwatetti argamee yoomessa uumamaa keessatti daawwannaafi waraabbiin gaggeeffame, namoota dhimma fardaan himii sirna awwaalchaarratti hubannoo qaban irraas odeeffannoon af-gaaffiifi maree gareetiin sassaabame. Maddi ragaa lammaffaan immoo, Waajjira Aadaafi Tuuriizimii Aanaa Meettaa Roobii irraa odeeffannoo barreeffamaafi suuraan jirurraa ragaan walitti qabame. Odeeffannoon kallattii garaagaraatii walitti qabame, mala ibsaatiin qaacceffame.Kunis, mala qulqulleeffataatti gargaaramee yaadiddama tajaajilaafi galumsaa bu’uureeffatee qaacceffame. Adeemsi iddattoon qorannichaa ittiin filatame mala miti carraan ta’ee kaayyeffataatiini.Walumaagalatti, firiin argannoo qorannoo kanaa akka aadaa Oromoo Shawaa Lixaa: haala qabatamaa Aanaa Meettaa Roobiitti fardaan himiiniifi faaruun fardaan himii garee hawaasaa garaagaraatiif akkaataa garaa garaatiin himama.Akkaataan sooressaaf, gootaafi namoota bebbeekamoof itti himaniifi hiyyeessaaf itti himan garaagarummaa qaba. Kan hiyyeessaa fardeen muraasaan yeroo himan kan kanneen kaanii hedduu ni baay’ata. Dabalataanis, fardaan himiin sirna awwaalchaa adeemsa mataasaafi hurruubummaa ittiin raawwatus kan qabuudha. Ammas, fardaan himiin meeshaalee garaa garaatti dhimma baha. Fakkoommiiwwan garaa garaa sirna kana waliin walqabatee ni mul’ata. Yeroo ammaa kanatti, naannoo qorannoon kun itti gaggeeffametti sadarkaan irra jiru sababoota garaa garaatiin hir’achaafi gadi bu’aa deemeera. Dhumarratti, firiiwwan qorannoo kanneen bu’uura godhachuudhaan dhimmi fardaan himii kun qabeenyaa saba Oromoo waan ta’eef, qophii kitaabilee barnootaa keessa galee osoo ittiin barsiifamee. Qaamni dhimmi ilaallatu, qorattootni, Waajjirri Aadaafi Tuuriizimii Aanaa Meettaa Roobii qorannoo kana bu’uura godhatee dhimma kanarratti osoo xiyyeeffatee hojjeteen yaada dabalataan kennameedha.

Get Full Work

Report copyright infringement or plagiarism

Be the First to Share On Social



1GB data
1GB data

RELATED TOPICS

1GB data
1GB data
Qaaccessa Qabiyyee Fardaan Himii Sirna Awwaalchaa Oromoo Shawaa Lixaa Haala Qabatamaa Aanaa Meettaa Roobii

210