Sakattaa Walsimannaa Hariiroo Dalgee Qabiyyeewwan Meeshaalee Barnoota Afaan Oromoo (silabasii Kitaaba Barataafi Qajeelcha Barsiisaa)kitaaba Barataa Kutaa 6 Ffaa Xiyyeeffachuun

Oromo Language, Literature And Folklore Project Topics

Get the Complete Project Materials Now! »

Kaayyoon gooroo qorannoo kanaa, walsimannaa hariiroo dalgee qabiyyeewwan meeshaaleernbarnoota Afaan Oromoo (silabasii, kitaaba barataafi qajeelcha barsiisaa) kutaa 6ffaarnbara 1996/2004 akka lakkoofsa habashaatti maxxanfaman walcina qabuunrnsakatta’uudha. Sababni ka’umsa qorannichaa immoo, qoratichi waggoottan sadiif barnootarnAfaan Oromoo kutaa kunneen yeroo barsiisaa turetti, walsimannaan hariiroo dalgeernqabiyyeewwan meeshaalee barnootaa (silabasii, kitaaba barataafi qajeelcha barsiisaa) irratti,rnkomeefi gungummiin karaa barsiisotaa jiraachuu hubatee jira. Komeefi gugummiin kunis,rnmaal irraa akka madde bira gahuuf, akkasumas, tarii barbaachisummaan fooyya’iinsarnmeeshaalee barnootaa kunneenii guddaa ta’innaa laata? jechuun, mataduree, sakatta’arnwalsimannaa hariiroo dalgee qabiyyeewwan meeshaalee barnootaa (silabasii, kitaabarnbarataafi qajeelcha barsiisaa) barnoota Afaan Oromoo kutaa 6ffaa jedhurratti, qorannoo isaarngeggeessuuf kaka’umsa horate. Qorannichis, mala qorannoo akkamtaan kan geggeeffameedha.rnHaaluma kanaan, ragaaleen meeshaalee barnoota Afaan Oromoofi afgaaffii barsiisota afurrnirraa walitti qabaman xiinxalamee jira. Xiinxalli taasifame akka ibsutti, hanqinni walsimannaarnhariiroo dalgee qabiyyeewwan meeshaalee barnootaa kunneen keessa jiraachuun isaarnmirkanaa’ee jira. Isaanis: Hanqina walsimannaa duraa duuba qabiyyee, hanqina walsimannaarngaaffilee dandeettii dhaggeeffachuu shaakalsiisuuf dhiyaateefi dubbisa qajeelcha barsiisaarnkeessaa, hanqina walsimannaa qabiyyeewwan silabasiifi kitaaba barataa keessaa, hanqinarnwalsimannaa qabiyyeewwan kitaaba barataafi qajeelcha barsiisaa, hanqina walsimannaarnsilabasiifi qabiyyeewwan qajeelcha barsiisaa, hanqina walsimannaa silabasiifi kitaabarnbarataafi qajeelcha barsiisaa fa’aan jiraachuun bira gahamee jira. Dhumarrattis, qorataanrnargannoowwan qorannichaa irratti hundaa’uun haala meeshaaleen barnootaa kunneenrnwalsimannaa hariiroo dalgee gama qabiyyeetiin qindaa’uu qaban irratti yaadni furmaataarnhanqina adda bahanii eeramee jira. Isaanmis, qopheessitoonniifi ogeeyyiin barnootaarnsadarkaa sadarkaan jiran irradeebi’uudhaan madaallii meeshaalee barnootaa kunneeniirngeggeessuun osoo fooyyessanii gaarii akka ta’u, yaadni furmaataa qoratichaan kaa’ameernjira.

Get Full Work

Report copyright infringement or plagiarism

Be the First to Share On Social



1GB data
1GB data

RELATED TOPICS

1GB data
1GB data
Sakattaa Walsimannaa Hariiroo Dalgee Qabiyyeewwan Meeshaalee Barnoota Afaan Oromoo (silabasii Kitaaba Barataafi Qajeelcha Barsiisaa)kitaaba Barataa Kutaa 6 Ffaa Xiyyeeffachuun

181