Qaaccessa Qabiyeefi Unka Weedduu Arrabsoo Durbaa Sirna Naqatanii Fuudhuu Godina Wallagga Lixaa Aanaa Haaruu

Oromo Language, Literature And Folklore Project Topics

Get the Complete Project Materials Now! »

Qorannoon kun mata duree “qaaccessa qabiyyeefi unka weedduu arrabsoo sirnarnnaqatanii fuudhuu “ irratti kan gaggeeffamu yoo ta’u, bakki itti gaggeeffame immoornGodina Wallagga Lixaa Aanaa Haaruutti. Qorannoo kanaaf ka’umsi, weedduunrnarrabsoo durbaa kan aadaafi barsiifata hawaasaa baatu yeroo ammaa dagatamuufirnbaduu isaati. Kaayyoon qorannichaas, weedduu arrabsoo durbaa kan sirnarnnaqatanii fuudhuu qabiyyeefi unkan qaaccessuu, sadarkaa inni irra jiru addaanrnbaasuufi furmaata lafa kaa’uudha. Kaayyoo kana galmaan ga’uuf maddi ragaarnqorannoo kanaaf odeeffannoon irraa funaaname maanguddoota, hawwaniifirnogeessota waajjira Aadaafi Turizimii waa’ee weedduu arrabsoo sirna naqataniirnfuudhuu gadifageenyaan beekaniidha. Raga kennitoonni kun mala iddatteessuu mitirncarraa keessaa iddatteessuu akkayyootti gargaaramuun filamaniiru. Oddffannoornraga kennitoota irraa mala funaansa ragaalee afgaaffiifi marii gareetiinrngargaaramuun funaanamerraa ka’uun weedduun arrabsoo sirna naqatanii fuudhuurnguyyaan cidhaa yeroo torban sadii hafu: bakka lamaanittuu shamarran galgalarngalgala arrabsoo sanaan gartuu isaanii jajuun gartuu biroo immoo ni arrabsu. Kunisrnmana lamaanittuu jala bultii jedhama.Yeroon biroon kan arrabsoon sun gaggeeffamurngaafa cidhaati. Kan mana warra intalaa yeroo jalbultii, arrabsoo yeroo gurbaanrndhufu ittiin balbala dhowwatan, kan yeroo gurbaan maaddiitti dhiyaatu ittiinrnarrabsan, kan dura deemaa ittiin arrabsan, kan yeroo gurbaan intala fuudhee galuufrnka’u ittiin arrabsaniifi weedduu gundoo booreeti. Kan mana gurbaa immoo weedduurnjalbultii, kan intala ittiin balbala dhowwatan, kan yeroo intalli mana gurbaa geessurnittiin arrabsan, kan yeroo intalli mana gurbaa seentee teessu ittiin arrabsanfi kanrnmiinjeen ittiin arrabsamtufaadha. Qabiyyeen weedduu arrabsoo durbaa kallattiinisrnta’e alkallattiin waan hawaasa keessatti mul’tu ibsuudha. Unki weedduurnarrabsoos,wal diddaa, wal fakkaatinsa isaafi gamtaan ykn ijaarsi isaa maal akkarnfakkaaatu kan agarsiisuudha. Unki weedduu arrabsoos saraaroota, cabsata, gaalee,rnbirsaga, yeedaloofi unataan qaacceffameera. Haaluma kanaa qabiyyeefi unkirnqaacceffamanii dhiyaataniiru. Argannoowwan gurguddoon qorannoo kanaa akkarnibsanitti arrabsoon afwalaloofi yeedaloon dhiyaate, falaasama hawaasichaarnnimul’isa; tokkummaa hawaasaa ni cimsa; safuu hawaasichaa ni barsiisa, hojiifrnnama kakaasuun jijjiirama amalaa ni fida. Kanaaf aadaa weedduu arrabsoo sirnarnnaqatanii fuudhuu akka duriitti deebisuun yoo dadhabamellee, qorataniirnbarreeffamaan kaa’uun hawaasichi akka irraa baratu gochuufi walaloo kanarnqabiyyee barnootaa keessa galchuun dhaloonni akka irraa baratu gochuunrnbarbaachisaadha.

Get Full Work

Report copyright infringement or plagiarism

Be the First to Share On Social



1GB data
1GB data

RELATED TOPICS

1GB data
1GB data
Qaaccessa Qabiyeefi Unka Weedduu Arrabsoo Durbaa Sirna Naqatanii Fuudhuu Godina Wallagga Lixaa Aanaa Haaruu

207