Xiinxala Jijjiirraa Asoosama Warraaqsa Beeyladootaa

Oromo Language, Literature And Folklore Project Topics

Get the Complete Project Materials Now! »

Qorannoon kun jijjiirraa asoosama “Warraaqsa Beeyladootaa” xiinxalaluu irrattirnkan xiyyeeffatuu yommuu ta’u, mata duree kanarratti qorannoo geggeessuufrnwantootni qorataa kakaasan: tokkoffaa kitaabni afaan maddaa(Animal Farm) jedhurnakka addunyaatti beekamaafi dubbistoota hedduudhaan jaallatamee bara 1945-rn1975(ALA) tti qofa yeroo soddomii shan(35) kan maxxanfame ta’ee utuu jiruu, AfaanrnOromootiin immoo erga bara 2004(ALH) maxxanfamee hanga yoonaaatti osoo irrarndeebiin hinmaxxanfamin turuu isaati. Kana malees, kitaabichi mana dubbisarnkitaabaa qorataan irraa barsiisaa jiru keessatti kan argamu ta’ee osoo jiruurnbarsiisotni afaanii mana barumsaa sanaa kitaabicha madaqsanii ogummaa afaaniirnyeroo ittiin barsiisan qorataan arguu dhabuu isaati. Kanaafuu, kaayyoonrnqorannichaa jijjiirraa Asoosama “Warraaqsa Beeyladootaa” ulaagaa jijjiirraarngaariitiin maal akka fakkaatu xinxaluudha. Gabbina qorannichaaf kitaabileen garaarngaraa jijjiirraan walqabataniifi toorri marsariitii sakatta’ameera. Barruun walfakkiisrnsakatta’amee dhihaateera. Milkaa’insa qorannichaaf immoo mala qorannoo makaaturnhojiirra oole. Odeeffannoonis mala sakatta’a dookumeentii, afgaaffiifirnbargaaffiidhaan guuramee xiinxalli irratti geggeeffame. Kanarraas, hanqinootnirniftoominaafi walsimuu dhabuu jechootaafi himootaa, tokko tokko akka jiran, jijjiraanrnjechoota Afaan Oromoo dhiisee, kan Afaan Amaaraa baay’inaan ergifatee akkarnfayyadame, jechoota kallattii dhiisee hiika galumsatti baay’inaan akka gargarame,rnirradeddeebii jechootaafi himootaa, dogoggoorri qubeesssuufi sirna tuqaalee akkarnjiran adda baheera. Kana malees, jijjiiraan yaada afaan maddaa kan haqeefirnhaarawaa itti dabale akka qabu adda baheera. Kanarratti hundaa’uun, qorataanrnyaboo dhiheessee jira: Jijjiiraan kitaaba Warraaqsa beeyladootaa jechootaafirnhimoota iftoomina hinqabne, kanneen yaada afaan maddaa keessaan walhinsimne,rnaadaa hawaasa Oromoo faana hindeemne, irra deddeebii kanneen qaban, dogoggorarnsirna tuqaaleefi qubeessuu qaban keessa deebi’ee ilaaluun fooyyessuu akka qabu,rnjechoota utuu Afaan Oromoon bakka bu’uu danda’anii Afaan Amaaraan bakkarnbuufaman ilaaluun fooyyessuu qabu, gara fuulduraatti jijjiirraa kan hojjetu yoo ta’e,rnmaxxansuun dura ogeessota afaanii gulaalchisuu qabu. Guddina jijjiirraa AfaanrnOromoo milkeessuuf jijjiirtotni (translators) dandeettiifi ulaagaa isaan irraarneegamuufi saayinsii Afaan Oromoo sirriitti beekuu qabu. Biiroon Aadaafi TuriizimiirnOromiyaa(BATO) barreessitootaafi namoota jijjiirraa dalaganiif yoo xiqqaaternwaggaa keessaa yeroo tokko leenjii kennuu qaba. Muummeewwan Afaan OromoornYuunivarsiitiifi Kolleejjii garaa garaa keessa jiran saayinsii jijjiirraa kan yeroornkamii caalaa xiyyeffannaa guddaan barsiisuu qabu. Koreen Waaltina Afaan Oromoornmaxxansawwan afaan alagaa garaagaraa yeroo yeroon hordofanii dubbisuunrnjechoota Afaan Oromoo keessa hinjirreef moggaasa kennaa deemuu qabu

Get Full Work

Report copyright infringement or plagiarism

Be the First to Share On Social



1GB data
1GB data

RELATED TOPICS

1GB data
1GB data
Xiinxala Jijjiirraa Asoosama Warraaqsa Beeyladootaa

176