Qaacceessa Asoosamoota Afaan Qawwee Jalattiifi Galfata Ija Yaaxina Bifiyyeetiin

Oromo Language, Literature And Folklore Project Topics

Get the Complete Project Materials Now! »

Asoosamni daawwiitii addunyaa dhalli namaa keessatti ofilaaluudha. Asoosama keessattirnbarreessaan addunyaa mataa isaa uumee keessatti namfakkii uumuun keessa jiraachisa;rngochaalee adda addaa akka isaan dalagan godha. Addunyaan asoosamaa kunis kanrnuumamu caacculee asoosamaa irratti. Kaayyoon hojii kalaqaa tokkoo galma ga’uu kanrndanda’u ijaarsiifi qindoominni caacculee asoosama sana gidduu jiru, akkasumas filannoonrnjechootaa, fi himootaa xiyyeeffannoo argatanii ofeeggannoon kan qindaa’an yoo ta’aniidha.rnOgbarruun Oromoo gama Kanaan ga’umsa yoo qabaatan barreeffamni afaanichaarnsadarkaa isaa kan eeggate ta’a. Kanumarraa ka’uun qorannoon kun kan gaggeeffame yoornta’u asoosamoota Afaan Qawwee Jalatti Jedhuufi Galfata ija yaaxina bifiyyeetiinrnqaaccessuu dha. Kaayyyoo gooroon qorannichaa asoosamoota Afaan Qawwee Jalatti firnGalfata jedhu yaaxina bifiyyeetiin qaaccessuu yoo ta’u. kaayyolee gooreen immoornasoosamoota filataman keessatti ijaarsi caacculeefi qindoomina gidduu isaani jiru,rnakbarruu isaanii, walsimsiitota asoosamoota kanneenii sakatta’uun ibsuu fi ij yaaxinarnbifiyyeetiin maal akka fakkaatan walbira qabuun agarsiisuudha. Xiyyeeffannoon yaaxinarnbifiyyee caacculee fi ak-barru barreeffamichaa irratti waan ta’eef hojii kana keessattisrncaacculee asoosamaa kan akka seenaa, sabseenaa, namfakkii, k.k.f irratti xiyyeeffachuunrnhaala ijaarsa isaaniifi qindoomina gidduu isaanii jiru ittiin sakatta’uudha. Malli Qorannoornkanaa qorannoo akkamtaa yoo ta’u, kitaabilee tooftaa iddatteessuu akkaayyootiin filatamanrnkeessaa ragaalee funaanaman qaxilee kaayyoo gooree fi yaaxina qorannichaa bu’uurarngodhateen wal simsiisuun xiinxaalli taasifame akka agarsiisutti kitaabni lamaanuu ijarnyaaxina bifiyyeetiin yeroo qaacceffaman waan asoosama tokko asoosama taasisu ofkeessaarnkan qabanii fi akkaataan ijaarsa isaanis ulaagaalee beektotaan ibsaman kan guutaniidha.rnGama qindoomina caacculee gidduutti jiraachuu qabuun asoosamni lachuu haala gaariinrnkan qindaa’aniidha. Dubbiiwwan qolaa jechamootni akkasumas walaloowwanis keessattirnkan hammatamaniidha. Gama duraaduubummaa jechootaatiin wayita ilaalaman seerarnafaanichaa hordofanii kan naqaman ta’anii mul’atu. Akkasumas himegeree, addeessuu,rnwaliin dubbiifi duubdeebiin malawwan kanneen keessatti dhimma itti bahaman yoornta’an,qindoomina caacculee asoosamichaaf gumaachi isaanii guddaadha. Asoosamoonnirnkunneen yaaxina bifiyyee irratti hundaa’uun walbira qabamanii yoo ilaalaman,rnwalfakkeenyas garaagarummaas kan qabaniidha. Gama biraatiin namfakkii olaanaanrnasoosama Galfata gochaa ragaarratti irra deddeebiin raawwatamurratti, rakkoon addarnaddaa isa mudachaa turuufi injifannoon keessa bahuusaarratti kan xiyyeeffatu yoo ta’u,rnasoosama Afaan Qawwee jalattimmoo, roorroo uummata Oromoorratti aggaamamernfalmuun gooboongaleessi asoosamichaa /Baroodaan/ hanga lubbuu isaa wareeguutti kanrndeeme ta’uu hubachiisuudha. Kana malees asoosamoota lachuu keessatti irra deddeebiinrnjechootaafi dogoggorri qubee kan mul’atu ta’uun ibsameera. Haaluma walfakkaatuunrnasoosamoota lachuu keessatti yaada furmaataa ni ta’a jedhamee kan yaadame wajjinrnbarruu qorannoo kana keessatti ibsameera.

Get Full Work

Report copyright infringement or plagiarism

Be the First to Share On Social



1GB data
1GB data

RELATED TOPICS

1GB data
1GB data
Qaacceessa Asoosamoota Afaan Qawwee Jalattiifi Galfata Ija Yaaxina Bifiyyeetiin

291