Qaacceessa Fayyadama Afoolaa Asoosama Yoom Laataa Keessatti

Oromo Language, Literature And Folklore Project Topics

Get the Complete Project Materials Now! »

Kaayyoon qorannoo kanaa Qaacceessa Akkaataa Fayyadama Afoola Asoosama ‘YoomrnLaataa’jedhu irratti xiyyeeffachuun qaacceessuu yoo ta’u qorattuun barreessitoonnirnasoosama afoolaatti fayyadamanii barreessaa waan jiraniif akkaataan itti fayyadamarnafoolaa asoosama keessaatti maal akka fakkaatu hubachuuf,kaayyoolee gosoota afoolaarnasoosama kana keessatti argaman adda baasuun fayidaa afoolli asoosama keessatti qaburntarreessuu,qabiyyee afoolaa asoosama kana keessa jiru ibsuu,gosoota afoolaa asoosamarnkana keessa jiranii adda baasuun qaacceessuu,asoosama kana keessaatti bal’inaan gosootarnafoolaa itti fayyadame adda baasuun eeruufi,akkaataa itti fayyadama afoolarratti asoosamnirnkun qaburratti qorannoo gaggeessiteejirti.Qorannoon kunis,qorannoo bu’uuraa yoo ta’urnmala qorannoo akkamtaatti fayyadamuun ibsi kan irratti kennameedha.Odeeffannoo malarnsakata’iinsa kitaabatiin kan funaaname yoo ta’u, afooloota kitaabicha kana keessattirnargamanirratti kan gaggeeffameedha.Afooloonni funaanaman kunniin akkaatuma gosootarnisaaniitiin adda baasuun qabiyyeefi fayidaa asoosama kana keessaatti qaban bal’inaanrnqaacceffamee jira.Dhumarratti, ragaaleeqaacceffaman irratti hundaahuun argannoornqorannichaa:gosoonni afoola asoosamoota kana keessatti argamanis,mammaaksaa,geerarsa,rnweedduu,faaruu,malleen Dubbii jiraachuun isaanii hubatameera.Afoolli asoosamicha kanarnkeessatti argaman; seenaa,aadaa,dudhaa,safuu,amantaa,falaasama uummanni Oromoo durrnqabu dhaloota haaraa hubachiisuuf sirnoota bulchiinsa darbanii ittiin hubachiisuuf kan ittirngargaarameedha.Afooloonni sirnoota kana dhaamsa asoosamichaaf bu’uura buusaniirnjiru.Kana malees, waliin dubbii keessaatti barsiisuuf,dubbii jalqabuuf,dubbii gabaabsuufrnmi’eessuuf yookiin keessatti dhiyaatan kunis,yoomeessa agarsiisuudhaaf waldiddaafirnmiidhaksuuf afoolotaatti fayyaadamaa turaniiru.Qabiyyeen afoolaa asoosamicha keessarnjiranis; mammaaksonni: soda, kutannoo, gowwummaa, gaabbiifi kkf kan agarsiisaniidha.rnGeerarsoonni jiran; gootummaa, diddaa, gorsa, akeekachiisafi kkf yoo agarsiisan,rnweedduwwan jiran ammo: gorsa, dhaadannoo, balaaleeffannaa cunqursaa, dhiibbaa jiruufirnkkf kan agarsiisan yoo ta’u, sirbi jirus,hacuuccaa kan agarsiisuudha. Akkasumas,rnjechamoonniifi malleen dubbii asoosamicha keessatti argaman ergaa asoosamichaa karaarndhokataaniis,ta’ee akkaatadhuma hawaasa keessatti beekamuun itti gargaaramuun ergichirnakka ifa ta’uutti darbuun isaa hubatameera.Dhumarrattis, afooloonni asoosamicha kanarnkeessatti argaman seenaa saba Oromoo bal’inaan kan dabarsuu ta’uusaarnhubatameera.Barreessitoonnis,afoolaatti bal’inaan itti fayyadamuun afoolli akka ergaarndabarsuu danda’amu yaboo keessatti ibsamaniiru.

Get Full Work

Report copyright infringement or plagiarism

Be the First to Share On Social



1GB data
1GB data

RELATED TOPICS

1GB data
1GB data
Qaacceessa  Fayyadama Afoolaa Asoosama Yoom Laataa Keessatti

287