Qaaccessa Barreeffama Barjaalee Afaan Oromoo Magaalaa Itayyaa Gama Caasaafi Jijjiirraatin

Oromo Language, Literature And Folklore Project Topics

Get the Complete Project Materials Now! »

Kaayyoon qorannoo kanaa barreeffama Afaan Oromoo barjaalee Magaalaa Itayyaa gama ijarncaasaafi jijjiirraatin qaaccessuudha. Dabalataan hanqina isaan qaqqabsiisaniifi karaaleernfurmaata argatanirratti xiyyeeffateera. Kaayyoo qoranichaa galmaan gahuufis meeshaaleenrnfunaansa ragaalee: sakatta’a dokumantiifi afgaaffitti dhimma bahee jira. Haaluma kanaanrnbarjaaleen mana daldalaa dhuunfarratti maxxanfamaniifi waajjiraalee mootummaa cinnattirnargaman suuraa kaasuun kan fudhataman yoo ta’u, qaamota dhimmi ilaalaturraa ammoornafgaaffii caaseffamaa qopheessuun ragaan walitti qabameera. Ragaaleen walitti qabamanisrnmala akkamtaafi ammamtaan akkaataa walitti dhiyeenasaanitiin walkeessa nyaachifamuunrnqaacceffamanii hiikni itti laatameera. Argannoon qoranichaa akka mul’isutti akkataanrnfayyadama caasaalee keessatti dogongora qubeessuu: dheeressuufi gabaabsuu, jabeessuufirnlaaffisuufi irrabuta akkasumas fayyadama jechootaa keessatti immoo, duraa duuba jechootaa,rnjechoota mijatoo hintaane, walqabsiistuu ’fi’ akka ofdanda’atti fayyadamuu, dhaabbiirndhabuu, irradeddeebii jechootaafi gabaajee fa’arratti hanqinni jiraachuu isaanii birarngahameera. Akkasumas barjaalewwan magaalaa san keessatti argaman haalli jijjirralleernsakatta’amuun laalamee jira. Isaan kun immoo jechoonni ergaa barbaadame osoo hintaanernhiika biroo akka dabarsan, yookin hiika akka dhaban, jechoonni afaanichaa akka hinwaaltofne,rndhaaba akka dhaban, caasaa afaan Amaaraa yookin Ingiliizii afaanichaaf oolchuun dhiibbaarninni geesisuudha. Beekumsa xiinqooqaa Afaan Oromoo dhabuu, dhiibbaa caasaa AfaanrnAmaaraa yookin Ingiliizii, xiyyeeffannoo kennuu dhabuu waajjira aadaafi turizimii yaadesaarnta’uun bira gahameera. Dhumarrattis qoratichi namoota hojii beeksisaa magaalicha keessattirnhojjachuu barbaadaniif ragaa beekumsa Afaan Oromoofi aadaa Oromoo qabaachuusaaniirnmul’isu adda baasuun heeyyama daldalaa kennuu, ogummaasaanii leenjiin gabbisuu, hordofuufirntoo’achuu, kan kana bira tare tarkaanfii seeraa irratti fudhachuu,waajjiri aadaafi turizimiirndhimmicha karoora hojii keessa galfachuun irratti hojjachuun furmaata rakkoo kanaa ni ta’arnjedhamee qoratichaan lafa kaa’ameera.

Get Full Work

Report copyright infringement or plagiarism

Be the First to Share On Social



1GB data
1GB data

RELATED TOPICS

1GB data
1GB data
Qaaccessa Barreeffama Barjaalee Afaan Oromoo Magaalaa Itayyaa Gama Caasaafi Jijjiirraatin

539