Qaacceessa Jijjiirama Moggaasaa Maqaa Ammayyaa Daaimman Godina Shawwaa Kibba Lixaa Aanaa Amayyaa

Oromo Language, Literature And Folklore Project Topics

Get the Complete Project Materials Now! »

Kayyoon qorannoo kanaas qaacceesa Jijjirama moggaasa maqa hammayyaa daa‟ imman Oromo GodinarnShawa Kibba Lixaa Anaa Amayaa magalaa Gindoo yeroo ammaa moggafamaa jiraan Qabiyyee isaanii bu‟uurrirnmoggaasa maqaalee yeroo ammaa, maqaaleen yeroo ammaa moggaafamaa jiraan akkamiin akkarnmaggoofaman, haalaa aadaa hawwasichaa eeganii moggaafamaa jiraachuu isaanii adda baasuudha. Kaayyoornkana galmaan ga‟uufis malli qorannoo filatame, qorannoo ibsaati. Ragaan qorannoo kanaa karaa sakatta‟insarngalmee maqaalee barattootaa, karaa af-gaaffiifi marii garee manguddootaa, maati da‟imani, barsiisotaafirnogeessota aadaafi tuurizimii aanichaa irraa waliti qabamee jira. Ragaan sakatta‟insa galmee maqaalee irraarnargame, odeeffannoon afgaaffiin maanguddootaafi oggeessota irraa argame mala akkamtaatiin, qaacceffameernibsamee jira. Ragaan bifa kanaan sassaabame xinxalame akka ibsutti maqaaleen da‟imman Oromoo durii akkarnaanaa Amayaatti haala adda addaan moggaafamuu akka danda‟amu odeef-kennitoonii ibsanii jiru. Haalumarnkanaan moggaasni maqaa dhuunfaa Oromoo ganamaa haala irratti hundaa‟uun moggaafamaa turan keessaarnmuraasni: hammachiisaan, guddifachaan, maatiin, moggaasa gaa‟eelaan raawwatamuu danda‟a jechuunrnibsan.Mogggaasi maqaalee daa‟immanii yeroo ammaa kan maatiin gaggeeffamu akkuma jirutti ta‟ee,rnolaantummaa guddaan kan maqaa moggaasu akkoofi akaakaa osoo hin ta‟in abbaafi haadha daa‟immaniitii.rnQabiyyee maqaalee yeroo ammaa aanicha keessatti moggaafaniis irra guddaa isaa kan irratti xiyyeeffaturnSiyaasaan, hawwiifi Abdii, yeroo ykn Waqtiilee, iddoo dhalootaa, amantii, haala yeroo dhalootaa (gaddaafirngammachuu), miidhagina Qaamaa, sabboonummaan, Biqiltootaanfi dinqisiifannaa irratti kan xiyyeeffatan ta‟uurnisaa hubatamee jira. Kana malees qorannoo kan keessatti wanti hubatame biroon amala maqaaleen ammarnmoggaafamaa jiran kan duraanii irraa adda ittiin bahan yeroo ta‟u amolooti kunninis bakka sadiitti qoodamaniirndhiyaatanii jiru.Amalli tokkoffaan Amala Hiikaa yeroo ta‟u maqaaleen yeroo ammaa moggaafaman hikaanrnmaqaa addunyaa fakkaatuun mogaafachuutu mul‟ata.Amalli inni biroon amala caasaati. Caasa ilaalchiseernamala caasaa jechaafi himaa maqaalee daa‟imman Oromoo yeroo ammaa moggaafamaa iirantu ilaalame.rnCaasaa jechaa ilaalchisee maqaaleen ragaaf guuraman harki caalaan kan umaman mala suphiinsaarn(blending)fi makootiin. Caasaa Himaa ilaalchisee immoo maqaaleen yeroo ammaa moggaafamaa jiran, hindirnisaanii jechuun hindanda‟ama, unkaa himaa qabu. Amala koorniyaa ilaalchisee immoo yeroo ammaa kana kanrnmoggaafamaa jiran koorniyaa addaan fo‟uu dhabuu isaaniiti. Qorannoo kana keessatti qabxii biroon ilaalamernnamoonni maqaa duraan ture dhiisanii maalif akka kan ofii barbaadan akka moggaafatanifi moggaasanrnsakatta‟uunn yaalamee jira. Akka odeef kennitoonni ibsanittis sababiin jijjiirama moggaasaa duraa duubaanrnhammayyummaa, Sabboonummaa, maqaalee Duraan Turan Jibbuu, amantiifi siyaasa akka ta‟e qorannoon kunrnni mirkaneessa. Dhuma irrattis maqaaleen kun gadifageenyaan qoratamanii haala duudhaafi aadaan Oromoornhayyamuun osoo kallattiin itti barsiifamu eeramii gaariidha kan jedhu yaboon kennamii jira.

Get Full Work

Report copyright infringement or plagiarism

Be the First to Share On Social



1GB data
1GB data

RELATED TOPICS

1GB data
1GB data
Qaacceessa Jijjiirama Moggaasaa Maqaa Ammayyaa Daaimman Godina Shawwaa Kibba Lixaa Aanaa Amayyaa

262