Qaaccessa Raawwii Sirna Buttaa Qalaa Oromoo Godina Shawaa Lixaa Aanaa Gindabarat

Oromo Language, Literature And Folklore Project Topics

Get the Complete Project Materials Now! »

Kaayyoon qorannoo kanaa raawwii sirna buttaa qalaa qaaccessudha. Gosti qorannoo kanaarnqorannoo akkamtaa ta’ee mala iddatteessuu akkayyoofi tooftaa funaansa ragaalee kanneenrnakka afgaaffii, daawwannaafi marii garee fayyadamee mala ibsaan qaaccesseera.rnBu’uureffannaan yaaxinaa, yaaxina aadaa hawaasaafi faayidaa ta’ee adeemsi raawwiirnsirnichaa sadarkaa Foolleetti bokkuu buqqifachuu irraa eegala. Sadarkaa Qondaalaattirnkaadhimmamaa sirna kanaa ta’uurraan kan ka’e seera tumaa caffee irrattii hirmaachuu,rnbokkuu dhangifachuufi gara xumura sadarkaa kanaatti ginna ciisu. Ginna ciisanii ergarnka’anii sirna kana bulfachuuf qophiilee garagaraa taasisu. Meeshaalee sirna kana ittiinrngaggeessan keessattuu warreen seera guutan, namoota sirnicha gaggeessuu keessatti gaheernqaban qopheeffachuufi kadhachuu walduraa duubaan gaggeessu. Itti aansuun seerarnguutamu kan akka haadha cifiruu raawwachuun yeroo turtiin ji’a tokkoofi torban tokkoornhafu biqila cabsatu. Afurtama biqila cabsatanitti gurra uratanii dhugoo godhatanii, ukoornhidhachuun darba eeboo laga bu’anii eebbifatanii galu. Borumtii sirni korma bobbaasiirnqaluufi dhaqna qabachuu kan itti raawwatu ta’ee hanga halkan shaniitti abbaan buttaarnulmaa ciisa. Ulmaa bahanii sirna ballisii adeemsisuun gabaaf yaa’ii eebbisuun oofkaltiinrnsirna buttaa qalaa raawwata. Kan itti aanu Abbaan Gadaa aangoo fudhate miseensa isaarnwaliin hawaasa gara hojii misoomaatti bobbaasuufi Birraa itti aanutti balbalarnilaalchisadha. Kana booda Abbaan Gadaafi miseensi isaa bara walakkeessa Gadaarnisaaniitti yaa’ii Dhalootaa irratti ciminaafi hanqina jiru ilaaluun seera barbaachisurnbaasanii waggaa arfan isaanii hafe bulchanii miseensa Gadaa isaan duuba jiruuf ammoornaangoo gadhiisu. Adeemsi raawwii sirna kanaas kana kan fakkaatu ta’ee yeroo raawwiirnkanaas firiiwwan fookiloorii hedduutu calaqqisu. Qorannoo kanaanis kan bira ga’amernadeemsi sirna buttaa qaluu akkuma marsaa Gadaa gochaa naanna’ee waltuqu qabaachuu.rnKan lammataa sirni kun ijaarama sirna Gadaa keessatti isa utubaa ta’uun tajaajiluufirngooroowwan fookiloorii arfanuu sirna kanarratti ni mul’atu. Bu’aan inni akka namtokkeettirnxiinsammuu namaa ulfeessuu keessatti qabuufi akka hawaasaatti bulchiinsa sirna Gadaarndhugoomsuu keessatti qabu gabaabsanii ibsuun hin danda’amu. Ta’us sirni kun dhiibbaarnjaarraa oliif saba kanarra gaheen yeroo ha’aa kana sadarkaa dhabamaarra jira. Kanarnbaraaruuf ammoo abbaan sirnichaa uummanni Oromoo inni beekumsa qabu beekumsaan,rnkan qabeenya qabu diinagdeen akkasumas gama mootummaafi miti mootummaanisrndeeggarsi addaa taasifamee akkaataa sirni guutummaan deebi’ee faayidaaf ooluurndanda’urratti hojjechuutu murteessaa ta’ee argame.

Get Full Work

Report copyright infringement or plagiarism

Be the First to Share On Social



1GB data
1GB data

RELATED TOPICS

1GB data
1GB data
Qaaccessa Raawwii Sirna Buttaa Qalaa Oromoo Godina Shawaa Lixaa Aanaa Gindabarat

459