Xiinxala Gahee Dubartootaa Asoosamoota Isaayyaas Hordofaa Keessatti

Oromo Language, Literature And Folklore Project Topics

Get the Complete Project Materials Now! »

gama firiiwwan isaanii irraatti xiyyeeffachuun qorannoon yoo irratti adeemsifamu bal'inaanrnhinmul'atu. Kanaafuu, qorannoon kun asoosamoota filatama sadan keessatti gaheerndubartootni qaban yaaxxina femenizimiirratti hundaa'uun ilaalamee jira.Kaayyoonrnqorannoo kanaa inni ijoon, ga’ee qooddattootni dubartootaa asoosama filataman keessattirnqaban qaaccessuudha. Qorannoon kun qorannoo bu‘uuraa yoo ta‘u, mala qorannoornakkamtaatti fayyadamuun ibsi kan irratti kennameedha. Odeeffannoon mala sakata‘insarnkitaabatiin kan fuunaname yoo ta‘u, asoosamoota filataman sadan gadi fageenyaan irrarndeddeebiin dubbisuun gahee dubartootaa kitaabilee kanneen keessatti argamanirratti kanrnraawwatameedha. Eddattoowwan funaanaman kunniin akkatuma gosoota isaaniin addarnbaasuun qabiyyeefi dhaamsa isaan asoosamoota kanneen keessatti qaban bal‘inaanrnxiinxalamee jira. Odeeffannoowwan funaanaman kanas, ulaagaalee yaaxxina femeniizimiirnirratti hundaa'uun dhimmoonni gama, hawaasummaa, bulchiinsaa siyaasaa, diinagdee,rnaadaa, duudhaa, amantaa, afaaniifi eenyummaa; akkasumas haala jiruufi jireenya keessattirngahee dubartootni qaban xiinxaleera. Dhumarratti, ragaalee xiinxalamanirrattirnxiyyeeffachuun argannoon qorannichaa: gahee dubartoota asoosamoota kanneen keessattirnargaman gama, hawaasummaa, bulchiinsaa siyaasaa ,diinagdee, aadaa, duudhaa, amantaa,rnafaaniifi eenyummaa;akkasumas haala jiruufi jireenyaatiin qinda’anii jiru. Adeemsarnxiinxalaa kana keessattis, dhimmoonni asoosamoota filataman keessa jiran haala qabatamaarnaddunyaa dhugaa keessatti mul'ataniin hangam akka wal-simatan wal-biraa qabuunrnxiinxalamaniiru.Femeniizimiin yaadiddamaafi falaasama mirga walqixxummaa koorniyaafirneegumsa seera dubartootaa ijaaruurratti bu’uureffatee yoo ta’u, Dhimmuma kanarnbu'uureffachuun ragaalee asoosamoota kanneen keessaa funaanamanis xiinxalamaniiru.rnXiinxala ragaalee taasifaman kanarraas dhimmoonni hojiilee kalaqaa kanneen keessattirndhiyaatan dhugummaa gama hawaasummaan,bulchiinsan,siyaasan ,diinagdee, aadaa,rnduudhaa, amantaa, afaaniifi eenyummaa;akkasumas haala jiruufi jireenya uummaticharnkeessa ture karaa amanamtummaa of-keessaa qabuun kan dhiyaatan ta'uun isaaniirnhubachuun danda'ameera.Dabalataanis, rakkoowwan dubartootarra kallattii garaagaraanrnga'aa turan karaa qabatamaafi hubatamuu danda'uun hojiilee kalaqaa xiinxalaman kanarnkeessatti kan dhiyaatan ta'uun isaanii bira ga'ameera. Gama biraatin, haala xiinxalarnwaliigalaa taasifameen hanqinaaleen hojiilee kalaqaa kana keessatti mul'ataniifi maalta'insarnisaanii waliin dhiyaataniiru. Akkaataa fayyadama qooddattoota dubaraa illaalchisee,rnqorannoo bal’aan osoo adeemsifamee dhimmoota qeeqa ogbarruu Oromootiif bu’aa buusanrnbaay’ee argachuu dandeenya. akkasumas gama Ogbarruu qofaan osoo hin taane gamarnxinqooqaatinis osoo qoratanii bu’aalee qorannoo hedduun irraa argamuu ni danda’u ta’unrnisaa amanamaadha.

Get Full Work

Report copyright infringement or plagiarism

Be the First to Share On Social



1GB data
1GB data

RELATED TOPICS

1GB data
1GB data
Xiinxala Gahee Dubartootaa Asoosamoota Isaayyaas Hordofaa Keessatti

344