QAACCESSA YOOMESSAAFI QABIYYEEWWAN FAARUU LOONII UMMATA OROMOO GODINA BAALEE AANAA LAGA HIDHAA KEESSATTI
PROJECT TOPICS AND MATERIALS
09080008483
[email protected]
09080008483
www.projectng.com
HOME
DOWNLOAD
REQUEST PROJECT
HIRE A WRITER
JOBS
SCHOLARSHIPS
NEWS
BLOG
CONTACT US
Project By Departments
Accounting
Agric Engineering
Agriculture
Architecture
Banking And Finance
BioChemistry
Biology
Building Technology
Business Administration
Chemical Engineering
Chemistry
Civil Engineering
Computer Engineering
Computer Science
Cooperative And Rural Development
Cooperative Economics
Design And Technology
Economics
Education
Electrical Electronic Engineering
English
Entrepreneurial And Business Management
Estate Management
Fine And Applied Arts
Food Technology
Geography
Geology
Health Science And Technology
History
Home And Rural Economics
Hospitality Management And Technology
Industrial Chemistry
Industrial Relation and Personnel Management
Insurance
International And Diplomatic Studies
Law
Library And Information Science
Marketing
Mass Communication
Mechanical Engineering
Medical And Health Science
Microbiology
Nursing Science
Office Technology and Management
Pharmacy
Philosophy
Political Science
Printing Technology
Psychology
Public Administration
Public Relations And Communication
Purchasing And Supply
Quantity Surveyor
Science Lab Technology
Secretarial Administration
Seminars
Sociology
Staff Development And Distance Education
Statistic
Urban And Regional Planning
Zoology
Thesis and Dissertation
Qaaccessa Yoomessaafi Qabiyyeewwan Faaruu Loonii Ummata Oromoo Godina Baalee Aanaa Laga Hidhaa Keessatti
Oromo Language, Literature And Folklore Project Topics
Get the Complete Project Materials Now! »
Qorannoowwan gama ogafaan Oromootiin hojjataman heddu yoo jiraatanillee fookiloriin faaruu loonii ibsu faaydaafi yoomessa faaruu loonii ibsu kan qoratame haala gabbataa ta’een hin mul’atu. Qorannoon kun qabiyyeewwan faaruu loonii fookilorii waliin hidhata qaban Godina Baalee Aanaa Laga hidhaa keessatti raawwatamu irratti xiyyeeffata. Adeemsi qorannoo kunis maddi raga hawaasa aanichaa irratti kan hundaa’e ta’ee namoota faaruu loonii irratti beekkumsa ciccimoo qaban mala eertuu darbaa dabarsaa (snowball sampling) irraa bifa gaafiitiin,bifa daawwannaatiinfi bifa mariitiin kan fudhatameedha. Haaluma kanaan faaruu loonii eddoofi yoomessa adda addaatti kan faarsamu yoota’u afoola keessumaayyuu afwalaloo faaruu loonii faarsuun meeshaalee aadaa faaruu loonii waliin deeman akkasumas safuufii duudhaan hawaasaa hiika qabaachuun isaa kan mul’ate yoota’u, qorannoo kana keessatti,haala waliigala aanichaa maal akka fakkaau,mogaasa aanichaa,haala qilleessaa,baayina ummataa,sabaafi sablammootaafi amantiiwwan adda addaafi kakkanafakkaatu yooibsamu, Ka’umsa qorannichaatiin wal qabatee faaruun loonii dhalootaa dhalootatti dabarsuun dagatamaa dhufuufi barreefamaan dhabamuun mataduree kanarratti akka qoradhu kan nakakaase yoota’u kaayyoon qorannoo kanaas qabiyyeewwan faaruu loonii godina Balee aanaa Lagahidha keessatti argamu xiinxaluufi haala moggaasa maqaa loonii kan ibsamu yoota’u, Barbaachisummaan qorannoo kanaas gosoota faaruu loonii dagataman ifatti baassuu, qabiyyeewwan faaruu loonii akka hubatan taasisuu,moggaasa maqaa loonii maaliratti hundaa’ee akka mogaasamu ibsuu,namoota mataduree kanarratti qorachuu barbaadaniif ka’umsa ta’uu akka danda’uufi kan kanafakkaatu yoota’u,daangaan qorannoo kanaa qaacessa qabiyyee faaruu looniiGodina Baalee aanaa Lagahidhaa keessatti kandaanga’e yoota’u,hanqina qorannichaatiin walqabatee rakkoo uumameef hanqina kitaabaatiif intarneetii fayyadamuu,bakka too’eetti namoota ga’umsa qaban dhabamuun qaamaan mana jireenyaa dhaquun,namni viidiyoo waraabu gatii dabalachuu,mobaayiliitti fayyadamuu.dubartoonni yeroo viidiyoo waraaban sodaachuu, sagalee mobaayiliitti waraabuun furmaata gahaa kaa’uun qorannoo fiixaan baasee jira.rnGama biraatiin kitaabileen mataduree kanaan firoomina qaban kan sakata’aman yoota’u,firiiwwan fooklorii keessaa afoolarratti bu’uureffachn faaruu loonii irratti kan xiyyeeffateedha.Mala qorannoo itti fayyadame keessaa ragaawwan jiru bifa waraabbiitiin funaanuun barreefamatti kan jijjiirame yoota’u afwalaloo gosoota faaruu 8 eddoo adda addaa bakka namoonni itti argaman sagal irraa kan argame yoota’u,gosoota faaruu qabiyyee faaruu,faayiddaa faaruu faanti kan qaaccefamaniidha.rnQorrannoo kana keessatti argannoowwan qorataan argate faaruun loonii barreeffamaan dhabamuu,dhalanni ammaa faaruu looniitti fayyadamaa kan hin jirre ta’uu,meeshaaleen aadaa faaruu loonii waliin deeman dhabamaa dhufuufi meshaalee biraatiin bakka bu’uu,yoomessi faaruu dagatamuun walitti makamuun kanbira gahame yoota’u, yaanni furmaata qorannoo kanaatis nita’a jedhee qoratan lafa kaa’e,qaamni dhimmi ilaalu viidiyoon waraabuun barreeffamatti osoo jijjiire,hayyoonni hawaasa keessa jiraataniifi fedhiifi danddeettii barreessuu qaban hawaasa keessaa funaanuun barreefamatti osoo jijjiiranii mana barumsaatiif raabsamee barattoonni bifa muuziqaatiin osoo itti tajaajilamanii dhalootaa dhalootatti kan darbu ta’uu danda’a.
Get Full Work
Report copyright infringement or plagiarism
Be the First to Share On Social
RELATED TOPICS
275