Xiinxala Asoosamoota Burreen Bifa Tokkoo Mitifi Ibaa Ija Yaaxina Bifiyyeetiin

Oromo Language, Literature And Folklore Project Topics

Get the Complete Project Materials Now! »

Asoosamni hojii kalaqaa waa’een namaa, namaaf deebi’ee ittiin agarsiifamuudha.rnBarreessaan addunyaa asoosamaa uumuudhaan dhimmoota garaagaraa kan akkarnsiyaasaa, diinagdeefi hawaasummaa irratti xiyyeeffatee waan ofii hubate dubbistoonnisrnakka hubatan taasisa. Addunyaan asoosamaa kunis kan uumamu caacculee asoosamaarnirraati. Kaayyoon asoosama tokkoo barreeffameef galma gahuu kan danda’u, ijaarsiifirnqindoominni caacculee asoosama sanaa gidduu jiru, akkasumas filannoon jechootaafirnijaarsi himootaa xiyyeeffannoo argatanii of eeggannoon kan raawwataman yoo ta’eedha.rnAsoosamoonni Afaan Oromootiin barreeffamanis gama kanaan ga’umsa yoo qabaatan,rnhogbarruun barreeffamaa afaanichaa sadarkaa isaa kan eeggate ta’a; guddinarnafaanichaafis gumaacha guddaa qabaata. Qorannoon kunis yaada kanarraa ka’uudhaanrnkan gegeeffame yoo ta’u, asoosamoota Burreen Bifa Tokkoo Mitiifi dibaa ija yaaxinarnbifiyyeetiin xiinxaluu irratti kan xiyyeeffateedha. Kaayyoo gooroon qorannichaarnasoosamoota eeraman ija yaaxina bifiyyeetiin xiinxaluu yoo, Kaayyolee gooreen immoornasoosamoota lamaan keessatti ijaarsi caacculeefi qindoomina gidduu isaanii jiru, akbarruurnisaanii, walsimsiistota/ literary techniques/ asoosamoota kanaa sakatta’uun ibsuufirnasoosamoonni lamaan kunneen ija yaaxina bifiyyeetiin maal akka fakkaatan walbirarnqabuun agarsiisuudha. Malli qorannoo kanaa xiinxala barruu yoota’u, Kitaabilee tooftaarniddatteessuu kaayyeeffataatiin filataman kanneen keessaa ragaan funaaname, qabxileernkaayyoo gooreefi yaaxina qorannichi bu’uura godhateen walsimsiisuun xiinxalli taasifamernakka agarsiisutti, kitaabonni lamaanuu wantoota asoosama tokko asoosama taasisan ofrnkeessaa kan qabaniifi akkaataan ijaarsa isaaniis ulaagaalee beektotaan ibsaman kanrnguutan ta’anii mul’atu. Gama qindoomina caacculee gidduutti jiraachuu qabuunrnasoosamni Burreen Bifa Tokkoo Mitii haala gaariin qindaa’ee kan mul’atu yoo ta’u,rnasoosamni dibaas yoomessi, namfakkiifi waldiddaa gidduu qindoominni gaariin kanrnkeessatti mul’atuudha. Dubbiiwwan qolaa, jechamootaafi mammaaksonni filannaarnjechootaa barruu asoosamootaa kanneen keessatti kan hammataman yoo ta’u, dhimmarnibsuuf yaadame sirriitti agarsiisuu kan dand’aniifi eenyummaa namfakkiiwwan seenaarnasoosamichaa keessatti argaman wajjin kan walsimani. Ijaarsa himootaa keessatti irrarndeddeebiin qaamolee afaanii adda addaa irratti kaayyoodhaan taasifame, yaada ibsamurnsanaaf xiyyeeffannoon kennamuu isaa agarsiisuuf, asoosama dibaa keessati bal’inaan kanrnmul’atu yoo ta’u, asoosama Burreen Bifa Tokkoo Mitii keessattis darbee darbee faayidaarnirra ooleera. Kunis barruu asoosamootaa kanneeniif miidhagina ta’eera. Gamarnduraaduuba jechootaatiin wayita ilaalaman, seera afaanichaa hordofanii kan naqamanrnta’anii mul’atu. Akkasumas himegeree, addeessuu, waliin dubbiifi, duubdeebiin malawwanrnbarruu/ walsimsiistota/ asoosamoota kanneen keessatti dhimma itti bahame yoota’u,rnqindoomina caacculee asoosamichaaf gumaachi isaanii guddaadha. Asoosamoonnirnkunneen yaaxina bifiyyee irratti hundaa’un walbira qabamanii yoo ilaalamanrnwalfakkeenyas garaagarummaas kan qabaniidha. Karaa biraatiin, namfakkii olaanaarnasoosama Burreen Bifa tokkoo Mitii kan taate Ayyaantuu Bariin bareedina ishee irraa kanrnka’e rakkina adda addaatiif saaxilamuu ishee seenaa asoosamichaa irraa kan hubatamurnyoo ta’eyyuu, akkaataa kalaqqii gama bifa isheetiin jiruun garuu, bareedinni jedhamernosoo sirriitti hin mul’atiin hafeera. Kana malees, irra deddeebiin jechootaa hinrnbarbaachifne kan asoosama kana keessatti mul’atu, miidhaginni barruu kanaa guutuurnakka hin taaneef gufuu ta’eera. Haaluma walfakkaatuun asoosama dibaa keessattisrnhanqinaaleen tokko tokko kan mul’atan yoo ta’u, qindoomina seenaa, jaargocha, rakkoornwaljijjiirraa ija seenessaafi kalaqqii namfakkii Foozii gama dubbii isheetiin jiru, isaanrngurguddoodha. Dogoggora qubeefi sirna tuqaalee asoosamoota lamaanuu keessattirnuumamaniifi kanneen biroos yaada furmaata ni ta’a jedhamee kan yaadame wajjin yaboornkeessatti ibsamaniiru.

Get Full Work

Report copyright infringement or plagiarism

Be the First to Share On Social



1GB data
1GB data

RELATED TOPICS

1GB data
1GB data
Xiinxala Asoosamoota Burreen Bifa Tokkoo Mitifi Ibaa Ija Yaaxina Bifiyyeetiin

301