Shaakala Madaallii Walitti Fufaa Dandeettii Afaan Oromootiin Barreessuu Haala Qabatama Kolleejjii Barsiisota Roobee

Oromo Language, Literature And Folklore Project Topics

Get the Complete Project Materials Now! »

Xiyyeeffannaan qorannoo kanaa inni guddaan Kolleejjii Barsiisota Roobee keessattirnShaakalli Madaalliin walitti fufaa dandeettii Afaan Oromootiin barreessuu irratti haalarnkamiin hojiirra akka oolaa jiru sakatta’uudha. Qorannoon kun mala qorannoo ibsaattirnfayyadamuun kan gaggeeffameedha. Kunis mala qorannoo akkamtaafi ammamtaa ofkeessattirnkan qabateedha. Qorannoo kana qorataan wayta gaggeesu akaakuurniddatteessuu al-carraa keessaa iddatteessuu kaayyeffame barsiisotaaf akkasumas,rniddatteessuu carraa keessaa akaakuu iddatteessu carraa tasaa barattootaaf fayyadamuunrnraawwatame. Ragaan barsiisota jahaafi barattoota shantamii afur irraa walittirnqabameen xiinxalamee jira. Ragaanleen kuneenis meeshaalee odeeffannoo funaanuufrngargaaran keessaa 'Likarti iskeelii' bargaafilee banaafi bargaafilee cufaa, marii gareefirnsakatta'iinsa dookmantii fayyadamuun walitti qabamee jira. Ragaan bargaafilee cufaanrnwaltti qabame mala qorannoo ammamtaan kan xiinxalame yoo ta'u, kunis dhibbeentaafirnirra-deddeebii fayyadamuun ibsameera. Ragaan marii garee ammoo mala akkamtaattirnfayyadamuun kan xiinxalamee yoo ta'u, yaada deebiistootaa wabeeffachuun ibsame.rnKana malees, ragaan sakatta'insa dookmantiin walitti qabame akkamtaatti fayyadamuunrnxiinxalamee jira. Bu'aan qorannichaa akka agarsiisuttti, hojiirra olmaan shaakallirnmadaallii walitti fufaa dandeettii Afaan Oromootiin barreessuu irratti tooftaalee dareernbarnoota Afaan Oromoo keessatti kennaman haala walfakkaataa ta'een miti.rnSadarkaalee dandeettii barreessuu tokkoon tokkoon isaanii irratti haala walitti fufaarnta'een madaalliin hingaggeeffamu. Kana malees, barsiisotniifi barattootni madaalliirnwalitti fufaa dandeettii barreessuu irratti ilaalcha gaarii ta'e hinqaban. Madaallii walittirnfufaa dandeettii barreessuu kana hojirra oolchuuf rakkoowwan jiran keessa ammoornhanqinni yeroo, waytiin barsiisotatti baay'achuu, barsiisotni madaallii walitti fufaarnhojiirra olchuuf fedhii dhabuu, qajeelfamni madaallii walitti fufaa kallattiin barnootarnafaanii waliin walqabatu keessattuu madaallii walitti fufaa dandeettii barreessuu irrattirndhabamuun isaan ijoo ta'aniidha. Dhuma irrattis, argannoowwan irratti hunda'uunrnhaala shaakalli madaalliin walitti fufaan dandeettii Afaan Oromootiin barreessuurnhojiirra itti ooluu danda'u mijeessuuf yaboon qorataan kennamee jira.

Get Full Work

Report copyright infringement or plagiarism

Be the First to Share On Social



1GB data
1GB data

RELATED TOPICS

1GB data
1GB data
Shaakala Madaallii Walitti Fufaa Dandeettii Afaan Oromootiin Barreessuu Haala Qabatama Kolleejjii Barsiisota Roobee

271